“Barana Barattootni Mil. 12 ol dirree barnootaarra turan.’’ Pirezidaanti Shimallis Abdiisaa.

Date:

 
‘OBN Cyber Media’ Adoolessa 12, 2018
Mootummaan Naannoo Oromiyaa misooma barnootaaf xiyyeeffannaa guddaa kennuun manneen barnootaa Naannoo Oromiyaa keessa jiran barattoota miliyoona 12fi kuma dhibba 4 ol simatanii barsiisuu danda’uurra ga’uu Pirezidaantiin Mootummaa  Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa gabaasa raawwi hojii bara 2018 Yaa’ii Caffee Oromiyaaf dhiyeessan irratti ibsan.
Dhaabbilee barnootaa babal’isuun manneen barnootaa Bu’uura Boruu 20,200, Sadarkaa 1ffaa 16,474fi Sadarkaa 2ffaa 1,406 irra qaqqabsiisuun danda’ameera jedan.
Naannoo Oromiyaatti barattoota, Bu’uura boruu irraa hanga kutaa 12ffaa mil. 12fi fi kuma dhibba 4 simachuun hojiin baruu fi barsiisuu gaggeeffamaa tureera jedan Pirezidaanti Shimallis Abdiisaa.
Gama biraatiin ammoo Pirojektoonni fayyaa garagaraa 678 xumuramuun, tajaajila kennaa jiraachuu Pirezidaanti Shimallis Abdiisaa. Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Obbo Shimallis Abdiisaa dhimma fayyaa ilaalchisuun gabaasa Caffeef dhiyeessaniin, ijaarsi pirojektoota fayyaa gara garaa 678 xumuramuun, tajaajila kennaa jiraachuu himan.

Hojiirra oolmaa sagantaa paakeejii ekisteenshinii fayyaa gara hawaasaatti akka dhiyaatu taasisuuf ijaarsi keellaa fayyaa barana 108 xumursisuun danda’ameera kan jedhan Obbo Shimallis,waliigalaatti keellaawwan fayyaa 180 ta’an tajaajila fayyaa guutuu kennaa jiraachuus eeran.

Du’aatii haadholeefi daa’immanii hir’isuuf xiyyeeffannoon hojjetamus kan himan Obbo Shimallis, bara baajataa kanattis dubartoonni miliyoona 9.3 ol tajaajila karoora maatii argachuu himan.

Akkasumas, daa’imman waggaa shanii gadi miliyoona 6 ol ta’aniif tajaajila calallii guddinaafi dagaagina qaamaafi sammuu kennameera jedhan Pirezidaanti Shimallis.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa Aadaafi duudhaa uummata Oromoo deebisuuf sochiin Haaromsa aadaa hojjetamaa jiru olaanaadha jedhan Pirezidaanti Shimallis Abdiisaa.

Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa, Yaa’ii Idilee 11ffaa Waggaa 5ffaa Bara Hojii Caffee 6ffaa Caffee Oromiyaa taa’amaa jiru iratti Mootummaan Naannoo Oromiyaa aadaa Oromoo duudhaa isaa ganamaatti deebisuuf sochiiwwan haaromsa aadaa cimsaa jira jedhan.

Sochiiwwan Haaromsa Aadaan hojjetameenis ayyaanoonnifi sirnoonni aadaa baroota dheeraaf moggaatti dhiibamaa turan deebi’anii dagaagaa jiru. Ayyaanni Irreechaa, eenyummaa Oromoo cimsuu bira darbee, biyya keessaafi alaa malkaawwan hedduu irratti kabajamaa jira kun  bu’aa haaromsa aadaati jedhan.

Sirni dabarsa aangoo Gadaa Karrayyuufi Tuulamaa karaa nagaafi duudhaa Gadaan raawwatamuun, sirna dimokiraasummaa Gadaa Oromoo mul’iseera jedhan Pirezidaanti Shimallis.

Hojii Haaromsa Aadaa Manneen Murtii Aadaa irratti hojjetameen, hanga ammaatti Manneen Murtii Aadaa sadarkaa jalqabaa 7,058fi Manneen Murtii Aadaa Ol-dabarfannaa 373 hundaa’uun hawaasni aadaafi duudhaa isaan akka haqa isaa eeggatu hojjetamaa jira jedhan.
 
Bara 2018’tti qofa gamleewwan dhimmoota wal-dhabdee hawaasaa dhiyaatan  kuma 393 ol keessaa galmeewwan kuma 370 ol furmaata argachuu Pirezidaanti Shimallis gabaasa isaanii keesstti himaniiru.
Haaromsi Aadaa Oromoo eenyummaafi duudhaa Oromoo cimsuun, aadaa, barnoota, teeknooloojii fi diinagdee waliin tarkaanfachuuf bu’uura ta’aa jira jedhan Pirezidaanti Shimallis.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa bara 2019’tti Aartii Oromoo humneessuufi teeknooloojii amayyaa hidhachiisuuf karoorfachuu isaa ibse.
Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa Yaa’ii Idilee 11ffaa Waggaa 5ffaa Bara Hojii Caffee 6ffaa Caffee Oromiyaaf Galmoota qabsoo Oromoo milkeessuuf Aartii Oromoo humneessuufi teeknooloojii ammayyaa hidhachiisuuf karoorfachuu ibsaniiru.
Aadaa Oromoo baroota dheeraaf moggaatti dhiibamaa turan walakkeessatti akka deebia’an taasisuu irratti karaa duudhaa Oromoo eeggateen akka kabajamuuf sadarkaa hundattuu xiyyeeffannaan kennamee kan hojjetamu ta’a jedan Pirezidaanti Shimallis.
Hojilee duudhaafi haqa Oromoo deebisaniif hojii jalqabame daraan jajjabeessuun haaromsa sirna Gadaa milkeessuun Gadaan furtuu hawaasummaa, diinagdee fi siyaasa Oromoo akka ta’uuf xiyyeeffannaa olaanaan kennamee ni hojjetamas jedhan.
Ardaaleen Jilaa ulfoo gurguddoo ta’an babal’ina magaalotaafi dhiibbaa amantaa irraa bilisa akka ta’an gochuun giddugala qorannoo fi qo’annoo akka ta’aniif kan hojjetamu ta’uu Pirezidaanti Shimallis Abdiisaa Miseensota Caffeef ibsaniiru.
Bara baajataa 2019’tti Mootummaan Naannoo Oromiyaa baasii isaa harka 74’n of danda’uuf karoorfatee hojjechaa jira.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa Waggoota shanan dhufan kanatti karoora of danda’uu jedhuuf tarsiimoo bocee hojiirra oolchuun harka 74 baasii isaa ofiin of danda’uuf hojjechuuf karorfachuu isaa Pirezidaanti Shimallis Abdiisaa gabaasa Caffeef dhiyeessan irratti himaniiru.
Karoora ‘Of-danda’uu’ bara 2019’f karoorfaman Dinagdeen of-danda’uu,  Ogummaa fi oggeesaan of-danda’uu, Baajataa fi baasiin of-danda’uufi Wabii Nyaataatiin of-danda’uu yoo ta’u karoorri kunis hanga bara 2023’tti hojiirra kan oolu ta’uu Pirezidaani Shimmallis ibsaniiru.

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Share post:

Subscribe

spot_imgspot_img

Popular

More like this
Related

Caffeen Oromiyaa muudama Abbootii seeraa Aanaalee dhiyaate raggaase.

'OBN Cyber Media' Adoolessa 13,2018 Pireezidaantiin Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa...

“Barana argannoowwan Odiitii irratti tarkaanfiin barbaachisaan fudhatameera.” Obbo Tafarii Wandyifraaw

‘OBN Cyber Media’ Adoolessa 13,2018 Galiin Mootummaa akkaataa seeraafi qajeelfama...

“Caffee cimaan bu’uura ijaarsa Sirna cimaa ta’ee tajaajila.” Aadde Sa’aadaa Abdurahmaan

‘OBN Cyber Media’ Adoolessa 13,2018 Caffeen Oromiyaa gabaasa raawwii hojii...

“Tajaajilli Manneen Murtii fooyya’iinsa argamsiiseera.” Obbo Gaazaalii Abbaasimal

‘OBN Cyber Media’ Adoolessa 13, 2018 Caffeen Oromiyaa Yaa'ii Idilee...