‘OBN Cyber Media’ Adoolessa 12, 2018
Waggoottan darban kenna tajaajilaa dhaqqabamaafi tuttuqqaa namarraa bilisa gochuuf hojiileen bal’aan hojjetameera jedhan Pirezidaantii Itti Aanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii.
Tajajila si’ataa ta’e hawaasa biraan gahuuf kenna tajaajilaa gara dijitaalaatti fooyyessaa jiraachuus himan.
Itti quufinsa tajaajilaa fooyyessuuf, guyyaa maamilaa hundeessuurraa kaasee hanga Wiirtuu tajaajila Iddoo tokkoo (MESOB) magaalotarratti hundeessuutti Mootummaan Naannoo Oromiyaa kutannoon hojjechaa jira jedhan.
Magaalota Oromiyaa 96’tti wiirtuuwwan kenna tajaajila iddoo tokkoo hundeessuun hojjetamaa jiraachuus eeran.
Kenni tajaajilaa keenyas yeroodhaa yerootti ammayya’aa dhufeera jedhan.
Bara ittaanutti ammoo aanaalee Oromiyaa hundatti wiirtuuwwan kenna tajaajila Iddoo tokkoo hojii eegalchiisuun kenna tajaajilaa fooyyessuuf ni hojjetamaa jedhan Obbo Awwaluun.
Dijiitaalaayzeshinii akka biyyaatti jalqabame milkeessuufis kenna waraqaa eenyummaa dijiitaalaa (Faayidaa) namoonni miliyoona 18 ol akka argatan hojjetameera jedhan.
“Rakkoo qaala’insa gatii furuuf tooftaalee gara garaa bocuun xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraachuus ibsan.
Qaala’iinsa gatii tasgabbeessuuf oomishtummaa dabaluuf hojiileen hedduun hojjetamaa jiraachuus himan.
Oomisha alaa galu kana biyya keessaatiin bakka buusuu jalqabuun qaala’iinsa gatii tasgabbeessuuf hojiin hojjetamaa jiru keessa tokko ta’uus eeran.
Hojiilee qaala’iinsa gatii hir’isuuf mootummaan hojjechaa jiruunis qaala’iinsi gatii harka 38 irraa gara 11 gadi bu’us Obbo Awwaluun ibsaniiru.








