‘OBN Cyber Media’ Adoolessa 13,2018
Galiin Mootummaa akkaataa seeraafi qajeelfama taa’een walitti qabamuu mirkaneeffachuuf barana odiitiin raawwatamaa turuu Manni Hojii Odiitara Muummichaa Oromiyaa Yaa’ii Idilee 11ffaa Waggaa 5ffaa bara Hojii Caffee 6ffaa taa’amaa jiru irratti gabaasa raawwii hojii Bara 2018fi kallattii karoora Bara 2019 dhiyeesseen ibseera.
Gabaasicha kan dhiyeessan Hogganaan Mana Hojii Odiitara Muummichaa Oromiyaa Obbo Tafarii Wandyifraaw, Odiitii raawwatamaa tureen manneen hojii 48 keessatti birrii mil.195.21 hir’inaan osoo walitti hin qabamiin argamuu eeran.
Kana malees, Baajatni Birrii Mil. 220 ol seera jijjiirra baajataa osoo hin eegiin raawwatamuu odiitiin argamuu eeruun, hordoffii odiitii raawwii gaggeeffamaa tureen argannoowwan mul’atan irratti tarkaanfiin barbaachisaan fudhatamaa turuu dubbatan.
Manneen hojii 16 irratti hordoffii gaggeeffameen yaada fooyyaa’iinsa gabaasa odiitii kennameen tarkaanfiiwwan gara garaa kan fudhatame ta’uus ibsan.
Bara kana manneen hojii 358 irratti hordoffii taasifameen birrii miliyoonni 900fi miliyoonni 90fi kumni 600 argannoowwan odiitiin deebi’uufi Manneen hojii 431 keessatti immoo birriin biliyoonni 3.6 ragaan akka dhiyaatuuf murtiin darbuu himaniiru.
Walumaagalatti barana birriin biliyoonni 14fi miliyoonni 600 argannoowwan odiitiin kan bira gahameefi sirreeffamni kan fudhatame ta’uus, Obbo Tafariin eeraniiru.
Bara 2019 keessattis, Manneen Hojii Mootummaafi dhaabbileen misoomaa hojimaata badaaf saaxilamoo ta’an keessatti itti gaafatamummaan akka mirkanaa’uuf tajaajila odiitii gaggeessuun hannaafi hojimaata badaa raawwatamuu danda’u ittisuuf xiyyeeffannoon hojjechuuf karoorfamee jiraachuu ibsaniiru.
Kallattii karooraa dhiyeessan keessatti hojii hubannoo cimsuu, hordoffii hojiirra oolma argannoowwan odiitii, naannichatti sochii baajataa, qabeenyaafi diinagdee dachaan dabalaa waan jiruuf humnaafi gahumsa ogeeyyii mana hojichaa cimsuu, hordoffiifi to’annoo qabeenyaa cimsuu akkasumas uwwisa odiitii dabaluuf irratti xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uus himaniiru.
Caffeen Oromiyaas gabaasa raawwii hojii bara 2018 fi karoora bara 2019 Mana Hojii Odiitara Muummichaa Oromiyaa mirkaneesseera.
Caffeen Oromiyaa gabaasa raawwii hojii bara 2018 fi karoora bara 2019 Mana Hojii Odiitara Muummichaa Oromiyaa dhiyaaterratti mari’achuun mirkaneesse.








