‘OBN Cyber Media’ Adoolessa 12,2018
Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa ergaa toora miidiyaa hawaasaa isaaniin dabarsaniin, Barri โ๐๐ฎ๐ฟ๐ผ๐ผ๐ฟ๐ฎ ๐ซ๐ถ๐ถ๐พ๐ถ๐ถโ goolabne, milkaa’inoota seena-qabeessa galmeessuun Oromiyaa boqonnaa haaraatti ceesisuuf buโuura cimaa kan itti keenyedha jedhan.
Guutuun ergaa isaanii akka itti aanuutti dhiyaateera.
Barri โ๐๐ฎ๐ฟ๐ผ๐ผ๐ฟ๐ฎ ๐ซ๐ถ๐ถ๐พ๐ถ๐ถโ goolabne, milkaa’inoota seena-qabeessa galmeessuun Oromiyaa boqonnaa haaraatti ceesisuuf buโuura cimaa kan itti keenyedha. Kanaaf ammoo ๐ช๐ฎ๐ฎ๐พ๐ฎ๐๐๐ผ๐ผf ulfinni olaanaan haataโu! Bara โ๐๐ฎ๐ฟ๐ผ๐ผ๐ฟ๐ฎ ๐ข๐ณ-๐ฑ๐ฎ๐ป๐ฑ๐ฎ’๐๐โ jalqabaa jirruun ammoo, bu’uura sanarratti hunda’uun, ๐ฑ๐ฎ๐บ๐ฒ๐ฒ ๐ต๐๐ป๐ฑ๐ฎ๐ฎ๐ณ๐ถ ๐๐ฎ๐ฑ๐ฎ๐ฟ๐ธ๐ฎ๐ฎ ๐บ๐ฎ๐ฟ๐ฎtti ๐ข๐ณ-๐ฑ๐ฎ๐ป๐ฑ๐ฎ’๐๐บ๐บ๐ฎ๐ฎ ๐ข๐ฟ๐ผ๐บ๐ถ๐๐ฎ๐ฎ mirkaneessuun ergama keenya isa ijoo ta’a. Waaqni ummata Oromoos nugargaara!
Har’a Yaa’ii Idilee 11ffaa, Bara Hojii Caffee 6ffaa, Waggaa 5ffaa Caffee Oromiyaa irratti hirmaachuun, raawwii hojii mootummaa bara 2018โfi kallattii hojii ijoo bara 2019 kabajamaa Caffeef dhiyeesseera. Akkasumas gaaffii, yaadaafi mariilee miseensonni Caffee kaasan irratti deebiifi ibsa baldhaa kenneera.
Mootummaan Jijjiiramaa Naannoo Oromiyaa, akkuma waggoota darbanii, qormaatilee, shiraafi gufuuwwan humnoonni faallaa uuman ogummaa, cichoominaafi tumsa ummata keenyaatiin fashaleessuun, galmoota tarsiimaโoo qabsoo ummata Oromoo gara bu’aa qabatamaa jiraatamutti ceesisuu itti fufeera.
Milkaa’inoonni bu’uuraalee misoomaafi caasaalee mootummaa irratti galmeessine murteessoo ta’anillee, isaan caalaa bu’aa guddaan jijjiirama ilaalchaafi guddina dandeettii dhaabbilee, hundaaโol ammoo hoggansa irratti argameedha. Inni kun bu’uura milkaa’ina waggoota dhufanii ta’a.
Milkaa’ina kana galmeessuu keessatti gaheen kabajamaa Caffee Oromiyaa olaanaa ture. Deeggarsi seeraa, hordoffiin hojii mootummaafi bakka bu’ummaan ummata keenyaaf bahaa ture bu’uura hojii mootummaa cimsuun jijjiiramni kun akka dhugoomu taasisuu keessatti gumaacha olaanaa taasiseera. Akkasumas tumsiifi amanamummaan ummata keenyaa hojii kanaaf bu’uura murteessaa ta’eera. Kanaaf, maqaa kiyyaafi maqaa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin ummata keenya akkasumas kabajamtoota miseensota Caffee Oromiyaa irra deebiin galateeffachuun barbaada.
Carraa kanaan, yaadotaafi dubdeebii Koreewwan Dhaabbii Caffee daawwannaafi hordoffii dirree irratti hundaa’uun nuuf dhiyeessan akka bu’uura fooyya’iinsa hojiifi murtii mootummaa ittaanu keessatti kan fayyadamnu taโuu kabajamaa Caffeef mirkaneessuun barbaada.
Amma imalli keenya gara gulantaa olaanaatti ce’eera. Kanaaf, bara โKaroora Of-danda’uuโ keessatti hojiin keenya milkaa’inoota darban eegsisuu qofa miti; isaan gara sadarkaa olaanaatti ceesisuun damee hunda keessattiifi sadarkaa maratti Of-danda’ummaa Oromiyaa dhugoomsuudha.
Fuuldurattis, MNO tumsa kabajamaa Caffeefi hirmaannaa ummata keenyaa irratti hunda’uun galmoota tarsiimaโoo qabsoo ummata Oromoo ariitiin dhugoomsuuf kutannoofi cichoomina olaanaan nisochoโa. Hoggansi sadarkaan jirus, ergama biroo galmoota kanniin caalaan kan hinqabne taโuu irra deebiin mirkaneessuun barbaada.
Bakka fedhii siyaasaa, dandeettii mootummaa, humna waloo, tumsa dhaabbileefi deeggarsa ummata keenyaa hidhannee sochoonutti, humni imala keenya dhaabsisuu danda’u goonkumaa hinjiraatu. Kanaaf, galmoota qabsoo ummata Oromoo ariitiin dhugoomsuuf imala keenya kutannoo olaanaan itti fufna.









