‘OBN Cyber Media’ Adoolessa 12,2018
Caffeen Oromiyaa Yaa’ii Idilee 11ffaa waggaa 5ffaa bara hojii Caffee 6ffaa taa’aa jira.
Yaa’ii kanarratti Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Obbo Shimallis Abdiisaa gabaasa raawwii hojii bara 2018 dhiyeessaniin Bara 2018 kanatti dinagdeen naannoo Oromiyaa harka 10.7’n akka guddatu eegama jedhan.
Guddina kana keessatti dameewwan Qonnaa, Indaastriifi tajaajilli gahee guddaa qabus jedhan.
Oomishtummaa guddisuuf teeknooloojiiwwan qonnaa fayyadamuun xiyyeeffannoon hojjetamaa jiras jedhan.
Bara oomishaa 2017/18’tti qonna Gannaatiin lafa heektaara miil.11.8 midhaan gosa adda addaan misoomerraa oomishni kuntaala miil. 342.9 walitti qabamuu himan.
Qonna Gannaa baranaatiin ammoo lafa heektaara miiliyoona 12.35 misoomsuuf karoorfame keessaa, hanga ammaatti lafti heektaara miliyoona 9.7 facaasaaf qophaa’uun, lafti heektaarri miiliyoona 5.26 midhaan gosa adda addaan faca’eera jedhan.
Sagantaa Ashaaraa magariisaa baranaaf biqiltuuwwan qophaa’e biiliyoona 5.29 keessaa hanga ammaatti biqiltuuwwan gosa garagaraa biiliyoonni 1.54 dhaabamuus himan.
Qabeenya uumamaaf xiyyeeffannoo kennamee hojjetamaa jiruun, Bara 2018 keessa hawaasa miiliyoona 8.9 hirmaachisuun hojii eegumsa biyyeefi bishaaniirratti hojjetameen daagaawwan adda addaa KM miiliyoona 1.2 hojjechuufi lafa heektaara kuma 495.3 tuttuqaa namaafi beeyladaa irraa daangessuun hojii abdachiisaan raawwatameera jedhan.
Buna baay’inaafi qulqullinaan oomishuun dinagdee naannichaa akka utubuuf xiyyeeffannaa kennamee hojii hojjetamaa jiruun; bara 2018 kanatti buna gogaa kuntaala miiliyoona 16.9 oomishuun dandaámeeras jedhan. Baranas Biqiltuuwwan Bunaa miiliyoona 2 fi kuma 800 dhaabuuf hojjetamaa jiraachuus eeran.
Tajaajila lammummaan hojiileen Birrii Biiliyoona 496.15 olitti tilmaamamu raawwatamchuus gabaasa dhiyeessaniin himan Pireezedaanti Shimallis.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa magaalota giddugala misoomaafi wiirtuu tajaajilaa ta’an babal’isuun calaqqee badhaadhinaa akka ta’an gochuuf tarsiimoo misooma magaalaa haaraa lafa magaalomsuu, nama magaalomsuu fi mootummaa magaalomsuu bocuun hojiirra oolcheera jedhan.
Kanaanis Magaalota keessatti oomishaafi oomistummaa guddisuun, wabii nyaataa jiraattotaa mirkaneessuufi qaala’insa gatii tasgabeessuuf hojii hojjetameen kilaastaroota beeyladaa gosa adda addaa Kuma 136.9 fi Qurxummii 2,247 ijaaruun horii aannanii, loon gabbisuu, horsiisa lukkuu akkasumas Booyyee horsiisuufi Qurxummii oomishuun danda’ameera jedhan.
Qabeenya lafaa qabnu sirnaan bulchuuf kadaastara sirnaan hojiirra oolchuuf hojjetamaa jiruun, baadiyyaatti lafa hek. mil.1.5 safaramee waraqaan ragaa mil. 1.48 kan kenname yoo ta’u; Magaalaatti cittuu lafaa kuma kuma 238.5 kadaastaraan galmeessuun kaartaa kuma 231.4 kennuun danda’amuus ibsaniiru.
Magaalonni jireenyaaf mijatoo akka ta’aniifi jireenya lammiilee fooyyeessuuf akkasumas ce’umsa magaalaa mirkaneessuuf inisheetiiviiwwan adda addaa hojiirra oolchuun hojjetamaa jira jedhan.
Barana Magaalota naannichaa keessatti xiyyeeffannoo misooma koridariif kennamee hojjetamaa jiruun daandii Aspaaltii kiiloo meetira 147, daandii miilaa kiiloo meetira 1,269, daandii Biskileetii kiiloomeetira 122 hojjetamuufi iddoowwan magariisummaa lafti heektaarri 1,312 misoomuun magaalonni sona miidhaginaa gonfachuu eegalaniiru jedhan.
Gama misoomawwan bu’uuraatiin hojiiwwan fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessan raawwatamuus eeran.
Bara baajataa 2018 kanatti pirojektoonni garagaraa Kuma 6 fi 561 magaalota keessatti ijaaraman xumuramuun tajaajila eegaluus Pirezidaanti Shimallis ibsaniiru.
Hawaasni naannichaa ogummaa gonfachuun dorgomaa akka ta’uuf ogummaalee adda addaatiin namoota miil. 5.6 oliif leenjii Dhaweessummaa kennuun Intarpurunaroota 2,631 horachuun danda’ameera jedhan.
Pooteenshaala naannichi qabu sirnaan beekanii karaa sona dabaluu danda’uun qorqalbii biizinasii hawaasaa gabbisuufi hawaasa dinagdeen humneessuuf hojjetamaa jiraachuus himan.
Bara 2018 hoji dhabdoota hojii keessa galchuuf hojjetameen lammiilee miliyoona 2fi kuma 700’f carraan hojii dhaabbii uumamuus ibsan.
Dargaggoonni carraa hojii dhaabbii argatan bu’a qabeessa akka ta’an gochuufis, Paakeejiiwwan deeggarsaa adda addaatiin liqii birri biliyoona 41.77 mijeessuun akka danda’ames himaniiru.
Guddina dinagdee ittifufiinsa qabu galmeessuuf, qoodni invastimantii dhuunfaa olaanaa ta’uu ibsan.
Naannoo Oromiyaa giddugala Investimantii gochuuf haala mijataa uumameen Mootummaan naannichaa bara 2018’tti pirojektoota haaraa 15,893 kaappitaala Birrii biil.471.46 galmeessan simachuun hojiitti galchuuf hojjatamaa jiraachuu himaniiru.
Kana malees, bu’a qabeessummaan invastimantootaa akka dabaluuf xiyyeeffannaa guddaan akka hojjatamus ibsaniiru.
Bara 2018 Naannoo Oromiyaatti miseensota Buusaa Gonofaa miiliyooona 2 fi Kuma 100 horachuun danda’ameeras jedhan.
Hanga ammaattis waliigalaan miseensota miiliyooona 29fi kuma 400 horachuun akka danda’ames himan.
Gumaata Buusaa Gonofaan namoota dhuunfaa fi jaarmiyaalee gara garaa irraa birrii biiliyoona 2fi Kuma 900 kan walitti qabame yoota’u, dhiyeessii nyaata barattootaaf Birriin biiliyoona 13fi Kuma 300’tti tilmaamamu walitti qabamus himan.
Waliigalaan karaa Buusaa Gonofaa bara kana Birriin biiliyoona18fi miiliyoona 19 ol hirmaannaa hawaasaatiin walitti qabuun danda’ameeras jedhan.









