‘OBN Cyber Media’ Adoolessa 13, 2018
Caffeen Oromiyaa Yaa’ii Idilee 11ffaa waggaa 5ffaa Bara Hojii Caffee 6ffaa oolmaa guyyaa 2ffaa itti fufuun taa’aa jira.
Pirezidaantiin Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa Obbo Gaazaalii Abbaasimal gabaasa raawwii hojii bara 2018fi kallattii karoora MMWO Caffeef dhiyeessan irratti kenna tajaajila Manneen Murtii dhaqabamaa taasisuufi tajaajila teeknooloojiin deeggaruun hojii hojjetameen bu’aawwan akka biyyaatti fakkeenyummaa qaban argamuu himan.
Tajaajilli seeraa dhaqqabamaafi si’ataa akka ta’uuf kenniinsa tajaajila abbaa dhimmaa fooyyessineerra jedhan.
Bar 2018 galmee kuma dhibba 5 caalaniif murtiin kennamuus ibsan.
Kunis kenniinsi haqaa si’ataa jiraachuusaa mul’isa jedhan.
Dhimmoonni hawaasni ittiin walhimatu karaa aadaafi Jaarsummaan akka hiikamu gochuuf hojii hojjetameenis himatni kuma 40 ol karaa jaarsummaafi Manneen Murtii aadaan furmaata argataniiru jedhan.
Kanaanis Abbootiin dhimmaa kuma dhibba 3fi kuma 58 caalan alaalatti dhimmisaanii dhaggeeffatamuun tajaajilamaniiru jedhan.
Wiirtuun dhageettii alaalaa 451 sadarkaa Gandaatti gadi bu’uun dhimmoonni kuma 45 caalan ilaalamaniirus jedhan Obbo Gaazaalii Abbaasimal.
Manni murtichaa rakkoo ragaa sobaa mudatu hambisuuf xiyyeeffannaa kennamee hojii hojjatamaa jiruun, ragaan sobaa haga tokko hir’achaa dhufuu eeran. Abbootii seeraa rakkoo naamusaa qabanirratti tarkaanfii fudhatamaa jiraachuus ibsaniiru.
Pirojektii kenna tajaajila abbaa seerummaa gara waraqaa maleessaatti ceesisuuf hojiin moosaajii OICCM fi sagalee dhaddachaa waraabame gara barreeffamaatti jijjiiru guutumaatti hojiitti galchuuf kan hojjetamu ta’uus eeraniiru.
Bara 2019 dantaa Mootummaafi uummataa waliin walqabatan adda baasuun Manneen Murtii sadarkaan jiran hundi xiyyeeffannoon kan hordofamu ta’uu ibsaniiru.









