Home Oduu Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa Walga’ii Idileesaa taa’aa jira.

Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa Walga’ii Idileesaa taa’aa jira.

0

‘OBN Cyber Media’ Waxabajjii 30,2018

Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa Walga’ii Idilee 30ffaa bara hojii 5ffaa waggaa 6ffaa bakka Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad (PhD) argamanitti taa’aa jira.

Yaadaa fi Gaaffileen Miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataarraa ka’anis;

Hidha Haaromsaa Guddicha Itiyoophihiyaa dabalatee ijaarsi pirojektoota gurguddoofi misoomni Koriidarii iddoo garaagaraatti hojjetame kan nama dinqisiisuufi humna raawwachuu mootummaa kan mul’ise ta’uu ibsan.

Mootummaan nagaa buusuuf waliigaltee Piritooriyaa mallatteessuun ummata Tigiraayiif abdii haaraa fidee dhufuf ofittummaan murna TPLF abdii lammiilee Tigiraay dukkaneessuu himan.

Ummata Tigiraay nagaa barbaaduuf mootummaan maal hojjetaa jira? Hayyootaafi qaamolee garaagaraarraas maaltu eegama gaaffiin jedhu ka’eera.

Qaala’iinsa gatiin walqabatee rakkoo hojjettoota Siivil Sarvisii mudatuuf maaltu yaadame?

Barattootaaf nyaata dhiyeessuun iddoo tokko tokkotti eegalame naannolee hundatti akka walgahuufis maaltu yaadame?

Boba’aa baasii guddaan itti baafamee biyya keessa galu sirnaan qoodanii itti fayyadamuurratti rakkoo jiru furuuf maaltu hojjetamaa jira?

Hulaa Galaanaa argachuun dhimma birmadummaa keenyaa waan ta’eef dhimmi kun sadarkaa maal irra jira?

Yaaddoo nageenyaa bu’uurarraa furuuf maaltu hojjetamaa jira?

Hanqinna qorichaa, tajaajilaafi weerara ka’uu maalu furuuf sochiin jiru maal fakkaataan gaaffilee dhiyaatan keessaati.

NO COMMENTS

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Exit mobile version