Home Oduu “Garaagarummaa siyaasaa barootaaf hidda gad fageeffatee ture mariifi marabbaan furuuf mootumman xiyyeeffannaan...

“Garaagarummaa siyaasaa barootaaf hidda gad fageeffatee ture mariifi marabbaan furuuf mootumman xiyyeeffannaan hojjetaa jira.”-Miseensota MMBU

0

‘OBN Cyber Media’ Waxabajjii 30,2018

Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa Walga’ii Idilee 30ffaa bara hojii 5ffaa waggaa 6ffaa taa’aa jira.

Miseensonni Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataas waggoota darban hojiilee gama hawaasummaa,dinagdeefi siyaasaan hojjetamaniin bu’aaleen dhufan jajjabeessaa taa’uu ibsan.

Garaagarummaa siyaasaa barootaaf hidda gad fageeffatee ture mariifi marabbaan furuuf mootumman xiyyeeffannaan hojjetaa jiraachuus kaasan.

Gama kanaan hojiin Komiishinii Marii biyyaalessaan hojjetamaa jiru adda durummaan eerama. Komiishinichi waltajjiiwwan marii sadarkaa gadiirraa eegalee qopheessuun hojiin bu’a qabeessi hojjetameera.

Adeemsi marii biyyaalessaa yeroo ammaa sadarkaa murteessaarra gaheera;kun immoo biyyattiif carraa guddaa ta’uutu eerame.

Hojiin hanga ammaa jirus bu’a qabeessaafi biyyattiif abdii guddaadha.

Hidhi Haaromsaa guddichi bu’aa ba’ii keessa darbee kutannoo hoggansaafi hirmaannaa uummataan xumuramuunsaa injifannoo guddaa ta’uu eerame.

Injifannoon Hidha haaromsaan gal’maae injifannoo guddaafi Adwaa lammaffaadha.

Misooma koriidarii dabalatee biyyattii keessatti pirojektiiwwan garaa garaa eegalamanii xumuramaniiru.

Magalonni biyyattii baayyee jijjiiramaniiru. Pirojektoonni MM Abiyyi Ahimad(PhD)’n xiyyeeffannaa argatan ammoo gahumsaafi qulqullina olaanaan xumuramuu ibsameera.

NO COMMENTS

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Exit mobile version