Home Oduu Walitti bu’iinsi hir’ateera.”Abiyyi Ahmad (PhD)

Walitti bu’iinsi hir’ateera.”Abiyyi Ahmad (PhD)

0

‘OBN Cyber Media’ Waxabajjii 30,2018

Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa Walga’ii Idilee 30ffaa bara hojii 5ffaa waggaa 6ffaa taa’aa jiruun miseensonni mana maree bakka bu’oota uummataa gaaffilee garaa garaa MM Abiyyi Ahimadii (PhD)f dhiyeessaniiru.

Rakkoo nageenyaa biyyattii keessa jiru waaraan furuuf mootummaan kutannoon hojjetaa tureera; Keessattuu waggoota darban waltajjiiwwan garaa garaa kan ofii keessatti hirmaatan 225 qophaa’uu isaniiru.

Paartiin Badhaadhinaa ammoo waltajjiiwwan garaa garaa kuma 4 caalan qopheessuun dandaámeera.

Itiyoophiyaa keessatti rakkooleen barootaaf ukkaafamanii turan akka afuura baafatu taéera.Mariiwwan nageenyaa garaagaraa taa’aamuun walitti bu’iinsi hir’áteera jedhan.

Komiishinii Marii biyyaalessaanis waltajjiiwwan garaa garaa sadarkaa gadiirraa eegalee hawaasa bal’aa hirmaachise taa’aa tures bu’aa fideera.

Itiyoophiyaa keessatti mariiwwan sadarkaa garaa garaatti taaáme hordofee waldhabdeen sabaafi saba gidduu, amantaafi amantaa gidduu jiru hir’ateera.

Itiyoophiyaa keessatti Nageenyi kan duraaniirra fooyyee qabaachuusaa Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) ibsaniiru.

Rakkoon nageenyaa biyyattii keessatti hir’ataa dhufus ammas kanneen furmaata hin arganne akka jiranis eeraniiru.

Humnoonni tokko tokko hidhatanii darbee darbee walitti bu’iinsa uuman akka jiranis MM Abiyyi Ahiamd (PhD) ibsaniiru.Rakkkoo kana duuba Itiyoophiyaan akka hin tasgabboofne maallaqaafi yeroosaaniin tumsanitu jiru jedhan.

Baandaan keessaafi alaa adda uumuun rakkoo nageenyaa akka itti fufu kanneen hojjetan jiru; Biyyattii keessatti nageenya waaressuuf ammas marii uummataan daran cimsuun barbaachisaadha jedhan.

Kanneen hidhatanii lo’anii miidhaa geessisan dhabamsiisuuf Ummanni fi Qaamolee nageenyaa waliin qindaa’uun hojjechuun cimee itti fufuu akka qabu ibsaniiru.

NO COMMENTS

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Exit mobile version