Home Oduu  “𝐃𝐚𝐧𝐝𝐞𝐞𝐭𝐭𝐢𝐢 𝐎𝐨𝐦𝐢𝐬𝐡𝐭𝐮𝐦𝐦𝐚𝐚: 𝐅𝐚𝐥𝐚𝐚𝐬𝐚𝐦𝐚 𝐂𝐞’𝐮𝐦𝐬𝐚 𝐁𝐚𝐚𝐝𝐢𝐲𝐲𝐚𝐚𝐟𝐢 𝐌𝐚𝐠𝐚𝐚𝐥𝐚𝐚 𝐎𝐫𝐨𝐦𝐢𝐲𝐚𝐚”- PMNO Obbo Shimallis Abdiisaa

 “𝐃𝐚𝐧𝐝𝐞𝐞𝐭𝐭𝐢𝐢 𝐎𝐨𝐦𝐢𝐬𝐡𝐭𝐮𝐦𝐦𝐚𝐚: 𝐅𝐚𝐥𝐚𝐚𝐬𝐚𝐦𝐚 𝐂𝐞’𝐮𝐦𝐬𝐚 𝐁𝐚𝐚𝐝𝐢𝐲𝐲𝐚𝐚𝐟𝐢 𝐌𝐚𝐠𝐚𝐚𝐥𝐚𝐚 𝐎𝐫𝐨𝐦𝐢𝐲𝐚𝐚”- PMNO Obbo Shimallis Abdiisaa

0

‘OBN Cyber Media’ Waxabajjii 29,2018

Seenaa guddina hawaasaa keessatti, badhaadhinni baay’ina qabeenyaatiin osoo hintaane, dandeettii qabeenya gara humna oomishtummaa qindaa’atti jijjiiruutiin murtaa’eera. Biyyoonni tokko tokko badhaadhina isaanii caasaalee ijaarsatiin agarsiisan; kaan ammoo dandeettii oomishtummaa ummata isaanii qindeessuun ijaaran. Garaagarummaan isaanii bu’uuraalee misoomaa qabaachuu ykn dhabuu miti; falaasama misoomaa isaanii keessatti argama.

Har’as gaaffii murteessan sunuma; “misooma jechuun maal jechuudha?” Yeroo baay’ee misoomni biyya tokkoo, waan ijaan muldhatuun madaalama.

Gaaffileen baramanis: daandii meeqatu ijaarame? Gamooleen samii tuqan meeqatu dhaabbate? Magaalaan hammam baldhate? Yaa’insi invastimantii hagam dabale? kan jedhanidha. Gaaffiileen kunniin barbaachisoo ta’anis, imala seenaa kan murteessan miti. Gaaffii murteessaan tokko; innis, “𝗗𝗮𝗻𝗱𝗲𝗲𝘁𝘁𝗶𝗶𝗻 𝗼𝗼𝗺𝗶𝘀𝗵��𝘂𝗺𝗺𝗮𝗮 𝘂𝗺𝗺𝗮𝘁𝗮𝗮 𝗵𝗮𝗴𝗮𝗺 𝗾𝗶𝗻𝗱𝗮𝗮’𝗲?”  kan jedhu.

Seenaa addunyaa keessatti biyyoonni magaalota gurguddoo ijaaran hedduudha. Kanniin ‘sirna hawaasa omishaa’ ijaaran garuu muraasa. Magaalaan ‘niguddata’; hiyyummaan garuu ittifufa. Bu’uuraaleen misoomaa nibabaldhatu; qabeenyi garuu hinuumamu. Kanaafuu, guddinni marti misooma miti. Misooma jechuun qabeenya dabaluu qofa miti; dandeettii oomishtummaa qindaa’aa ijaarudha.

Misoomni dhugaa yemmuu humnoonni oomishaafi bu’uuraaleen omishaa marti — nama, beekumsa, ogummaa, dhaweessummaa, kaappitaala, qabeenya umamaa, meeshaalee omishaa, teknoolojii, dhaabbileefi mootummaa — sirna tokko keessatti walitti hidhamanii dandeettii oomishtummaa qindaa’aa ta’an qofa dhalata. Yaanni kun qajeelfama hojii mootummaa naannoo keenyaa qofa miti. Bu’uura falaasama misoomaa Mootummaa Jijjiiramaati.

Nuti misooma akka tarree pirojektoota adda addaatti hinilaallu. Akka adeemsa humnoota omishaafi bu’uuraalee omishaa, sirna oomishtummaa tokko jalatti qindeessuutti ilaalla.  Garaagarummaan kun kan hiika jechootaa qofa miti; garaagarummaa ilaalchaati. Misoomni yaada keessaa dhalata; sirna keessatti guddata; pirojektiin ammoo bu’aa isaa ta’a.

Yeroo hedduu, hiyyummaan qabeenya dhabuurraa hinmaddu. Qabeenya qindeessuu dhabuurraa madda. Ummanni kennaa umamaati; oomishtummaan garuu bu’aa hojii mootummaafi dhaabbileeti. Bishaan jiraachuu danda’a; omishni hinjiraatu. Laftii jiraachuu danda’a; galiin hinjiraatu. Dargaggoonni jiraachuu danda’u; hojiin hinjiraatu. Kanaaf rakkoo guddaan qabeenya dhabuu osoo hintaane, sirna oomishtummaa qabeenya jiru gara humna qabatamaatti jijjiiru ijaaruu dadhabuu ta’a. Hiyyummaan bu’aa dhaabbatummaati (institutional) malee bu’aa umamaa miti.

Ce’umsi yeroo muraasaaf milkaa’uu danda’a. Haata’u malee sirna ta’uu baannaan hinfulla’u. Kanaaf galmi  keenya jijjiirama jalqabuu qofa miti; jijjiirama sana dhaabbata, seera, hojimaata, aadaa hojii, sirna hoggansaafi mala jireenyatiin utubuudha.  Misooma waaraan dhaabbileedhan  jiraata.

Ija kanaan, nuuf mootummaa jechuun aangoo qofa miti; dandeettii oomishtummaa hawaasa ijaarudha. Mootummaan ofii qabeenya hinuumu; sirna qabeenyi itti umamu ijaara. daandii qofa hinijaaru; dinagdee daandii sanarraa dhalatu ijaara. Mana barnootaa qofa hinbanu; sirna oomishtummaa dhaloota dorgomaa achii maddu ofitti fudhatu ijaara. Bishaan qofa hindhiyeessu; sirna-ikkoo misooma jallisii gabeessummaa omisha qonnaa babaldhisu ijaara. Kanaaf, gaheen mootummaa pirojektii raawwachuu qofa osoo hintaane, sirna oomishtummaa dhaloota ittaanutti ce’u ijaarudha.

Sirni oomishtummaa ofumaan hinijaaramu. Humnoonni oomishaafi bu’uuraaleen omishaa ofumaan walitti hinqindaa’an. Qindeessaa barbaadu. Gaheen hoggansaas kanuma. Hoggansi qabeenya hinuumu; humnoonni oomishaafi bu’uuraaleen omishaa akka walitti hidhatanii sirna ta’an taasisa. Hoggansi tarsiima’oo, hojiilee takka lamee raawwachuu caalaa, sirna raawwii hojiilee ijaara.

Asirratti gaaffiin biroo nika’a. “𝗠𝗶𝘀𝗼𝗼𝗺𝗻𝗶 ‘𝗦𝗶𝗿𝗻𝗮 𝗗𝗮𝗻𝗱𝗲𝗲𝘁𝘁𝗶𝗶 𝗢𝗼𝗺𝗶𝘀𝗵𝘁𝘂𝗺𝗺𝗮𝗮 𝗤𝗶𝗻𝗱𝗮𝗮’𝗮𝗮’ 𝗶𝗷𝗮𝗮𝗿𝘂𝘂 𝘆𝗼𝗼𝘁𝗮’𝗲, 𝗲𝗲𝘀𝘀𝗮𝗿𝗿𝗮𝗮 𝗷𝗮𝗹𝗾𝗮𝗯𝗻𝗮?”

Baroota dheeraaf addunyaan guddina magaalaa akka bu’uura misoomaatti ilaalaa ture. Yaanni sun guddinni magaalaa ofuma isaatii baadiyyaa akka jijjiiru kan abdatu ture. Haata’u malee, seenaa keessatti yeroo hedduu faallaa isaatu ta’aa ture. Magaalaan omisha baadiyyaa fayyadama; baadiyyaan garuu sona magaalaa keessaa qooda madaalawaa hinargatu. Kunis qaamni lameenuu walqabatanii akka laamsha’an taasise.

Kanaaf, gaaffii “𝗲𝗲𝘀𝘀𝗮𝗿𝗿𝗮𝗮 𝗷��𝗹𝗾𝗮𝗯𝗻𝗮?” jedhuuf deebiin keenya ifa. 𝗛𝗮𝗿𝗶𝗶𝗿𝗼𝗼 𝗯𝗮𝗮𝗱𝗶𝘆𝘆𝗮𝗮𝗳𝗶 𝗺𝗮𝗴𝗮𝗮𝗹𝗮𝗮𝗿𝗿𝗮𝗮 𝗷𝗮𝗹𝗾𝗮𝗯𝗻𝗮. Sababni isaas, hariiroon isaanii yoosirrate guddinni isaanii wal-utubee walfaana kaasa; yoodabes hiyyummaan isaanii walhammeessee walfaana dhidhimsa.

Kana jechuun rakkoo ijoon guddina magaalaa miti; hariiroo magaalaafi baadiyyaati. Bu’uuruma kanaan, Mootummaan Jijjiiramaa Naannoo Oromiyaa gaaffii sana guutummaatti garagalcheera. Kaayyoon keenya qonnaan bulaa gara magaalaatti godaansuu miti; magaalummaa gara qonnaan bulaatti geessuudha. Sababni isaas, namni tokko akka jijjiiramu baadiyyaa gadi lakkisuun isa hinbarbaachisu; bakkuma jirutti ‘sirna jireenyaa’ isaa haaromsuun ‘jiruun’ isaa akka jijjiiramu taasisuun nidanda’ama.

Magaalummaan ‘𝗯𝗮𝗸𝗸𝗮’ miti; 𝘀𝗶𝗿𝗻𝗮. Bakka jireenyaa miti; Sirna jireenyaati. Gamoo miti; beekumsa; ogummaadha; dhaweessummaadha; dandeettidha. Daandii miti; hariiroo dinagdeeti. Tajaajila miti; sirna kenniinsa tajaajilaati. Omisha qofa miti; sirna dandeettii oomishtummaa qindaa’aa humnootafi bu’uuraalee omishaa maraati.

Hubannoo kanaan, magaalummaa gara baadiyyaa geessina jechuun, gamoo gara baadiyyaatti geessuu miti; sirna mootummaa humna oomishtummaa qindeessu hawaasa biraan gahuudha. Akka humna to’annootti osoo hintaane, akka diriirsaa bu’uuraalee misoomaa, babaldhisaa beekumsaa, hidhachiisaa ogummaa, qindeessaa gabaafi uumaa carraa omishaatti. Akka qindeessaa humnoota oomishtummaatti. Walumaagalatti, akka dhaabbata ce’umsaafi qaroomina hawaasaa hoogganuutti.

Kunis ta’ee, gahaa miti. Bu’uuraaleen misoomaa ofumaan badhaadhina hinuuman. Daandiin ofumaan galii hinuumu. Humni ibsaa ofumaan hojii hinuumu. Bishaan ofumaan qabeenya hinuumu. Bu’uuraaleen misoomaa akka jecha tokkootti osoo hintaane, akka qubee tokkootti ilaalamuu qabu. Hiika misoomaa kan argatan, yemmuu walsimanii dandeettii oomishtummaa qindaa’aa ta’an qofa.

Madaallii kanaan, ijaarsi bu’uuraalee misoomaa hojii keenya keessaa walakkaa qofa. Walakkaan hafu ammoo humnoota oomishtummaa hawaasaa sirna tokko keessatti walitti qindeessudha. Bu’uuraaleen misoomaa mataa isaanitiin misooma hinuuman; sirni gara humna oomishtummaatti isaan jijjiiru ijaaramuu qaba. Yaanni 𝗛𝗔𝗔𝗥𝗢𝗠𝗘𝗘s bu’uura yaada kanaarraa madde.

Haaromeen pirojektii mana jireenyaa miti. Magaalaa haaraa qofa miti. Dhaabbata ce’umsaa sirna oomishtummaati. Bakka humnoonni oomishtummaa walitti dhufanii sirna haaraa jalatti qindaa’anidha. Bakka qonnaan bulaan jireenya isaa qofa osoo hintaane, ilaalcha hojii isaa, eenyummaa dinagdee isaa, mala omishaa isaafi hariiroo gabaa waliin qabu itti haaromsudha. Haaromeen bakka namni itti qubatu qofa miti; bakka sirni oomishtummaa haaraan itti dhalatu, guddatuufi of-haaromsudha.

Bu’uuruma kanaan, yaanni pilaanii misooma magaalotaafi ce’umsa baadiyyaa keessatti  “Qe’ee Qonnaan Bulaa – Haaromee” jechuun ibsame hojiirra oolaa jira. Magaalonni tarsiimoo akka Adaamaa, Shaggar, Bishooftuufi kanneen biroo naannawa baadiyyaa bulchiinsa isaanii keessatti dhaabbilee Haaromee babaldhisaa jiru. Kun babaldhina mana jireenyaa qofa miti; babaldhina dandeettii oomishtummaati.

Qonnaan bulaan Haaromeetti makamuuf, naannawa isaa gadi hinlakkisu. Lafuma isaarratti sirna dinagdee haaraa keessa gala. Haaromeetti qonni harkaa-gara-afaanii irraa gara harkaa-gara-gabaatti ce’a. Qonni omisha uuma. Omishni kaappitaala uuma. Kaappitaalli invastimantii uuma. Invastimantiin indastirii uuma. Indastiriin hojii uuma. Hojiin galii uuma. Galiin badhaadhina uuma. Badhaadhinni ammoo dandeettii oomishtummaa caalaatti ijaara.

Kanaaf Haaromeen baadiyyaafi magaalaa gidduu dhaabbatus, dhimma qonnaa qofa miti. Dhimma magaalaa qofas miti. Dhimma mana jireenyaa qofas miti. Mala mootummaan ce’umsa hawaasni keenya gara sirna dandeettii oomishtummaa qindaa’etti taasisu ittiin hoogganu keessaa isa tokko. Dhaabbata ce’umsaa, Oromiyaan hawaasa oomishtummaan isaa sirnaa’e ittiin ijaarratu keessaa isa tokko.

Asirratti hiikni magaalomsuu nijijjiirama. Magaalomsuun daangaa magaalaa babaldhisuu miti; daangaa oomishtummaa hawaasaa babaldhisuudha. Magaalaan guddachuu qofti milkaa’ina miti. Baadiyyaan omishuu danda’uu qoftis milkaa’ina miti. Milkaa’inni dhugaa yemmuu humnoonni omishaafi bu’uuraaleen omishaa magaalaafi baadiyyaa, sirna omishaa tokko jalatti qindoomanii dandeettii oomishtummaa hawaasaa dabalan qofa argama.

Kana jechuun baadiyyaa gara magaalaatti jijjiiruu miti. Magaalaafi baadiyyaa gara sirna oomishtummaa walsimaa tokkootti ceesisuudha.

Qabsoon Oromoo mirga siyaasaa yeroo dheeraa madaa’eef goonfateera. Haata’uutii, mirgi siyaasaa dandeettii dinagdee oomishtummaatiin yoo hindabaalamne, yeroo dheeraa of-tiksuu hindanda’u. Bilisummaan siyaasaa beekamtii mirga of-ta’uuti. Bilisummaan dinagdee humna mirga ofta’uu qabatamaan jiraachuti. Bilisummaa waaraan ammoo walsima lamaan isaaniirraa dhalata.

Kanarraa ka’uun, gaaffiileen “Magaalaan hammam baldhate?” “Pirojektii meeqatu eebbifame?” jedhan har’a murteessoo miti. Gaaffii murteessaan,”Hawaasni keenya dandeettii oomishtummaa hagam horate?” kan jedhu.

Egereen Oromiyaa bakkaan (magaalaa/baadiyyaa) hinakeekamu. Dheerina gamootiin hinmurteeffamu. Egereen ummata keenyaa sadarkaa dandeettiin omishtummaa hawaasaa itti ijaarameen murteeffama. Harka hawaasa dandeettii  omishtummaa horateetiin barreeffama. Hundaa olitti, ‘Sirna Bulchiinsaa’ humnoota omishaa, bu’uuraalee omishaa, dhaabbileefi teknoolojii sirna oomishtummaa tokko keessatti ijaaruu danda’een barreeffama.

Milkaa’inni mootummaa tokkoo, pirojektoota gurguddoo raawwachuun qofa osoo hintaane, pirojektoota sana gara sirna dandeettii oomishtummaatti ceesisuun madaalama.

Kanaaf, misooma Oromiyaa jechuun, baay’ina pirojektootaa miti; sirna dandeettii oomishtummaa qindaa’aa hawaasaati. Hawaasa dandeettii oomishtummaa qabu ijaaruun, sirna cimaa ijaarudha. Sirna oomishtummaa cimaa ijaaruun badhaadhina ijaarudha.

Kun hiika haaraa magaalomsuu qofa miti; hiika haaraa ce’umsa baadiyyaa qofa miti. Kun 𝗙𝗮𝗹𝗮𝗮𝘀𝗮𝗺𝗮 𝗠𝗶𝘀𝗼𝗼𝗺𝗮𝗮 𝗢𝗿𝗼𝗺𝗶𝘆𝗮𝗮ti.

NO COMMENTS

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Exit mobile version