Home Oduu “Imaanaa Ummanni filannoon nutti kenne amanamummaafi ittigaafatamummaan ba’achuuf qophiidha.’’ Abiyyi Ahmad(PhD)

“Imaanaa Ummanni filannoon nutti kenne amanamummaafi ittigaafatamummaan ba’achuuf qophiidha.’’ Abiyyi Ahmad(PhD)

0

‘OBN Cyber Media’ Waxabajjii 30,2018

Paartiin Badhaadhinaa teessoo harka 85 qofarratti dorgomuun paartileen morkattootaa harka 15 irratti qofaasaanii akka hirmaatan gochuun Afrikaarratti seenaa ta’ee hin beekne raawwateerra jedhan, Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad(PhD).

Filannoon waliigalaa akka hin milkoofneef qaamoleen xiyyeeffatanii hojjetan turanis qindoominni hawaasaa mul’ate dimokiraasiin akka dhugoomu godheeras jdhan.

Lammiileen sagalee tokkoon qindoomanii finxaalessummaafi baandummaa hin barbaadnu jechuun goleewwan hundarraa ba’anii filachuun milkeessaniirus jedhan Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad(PhD).

Maanguddoonniifi dhukkubsattoonni osoo hin hafiin ba’anii filachuun jaalala biyyaaf qaban mul’isuun imaanaa kennachuus eeran.

Lammiileen bakka rakkoon nageenyaa jirutti ittigaafatamummaan ba’anii filachuun imaanaa kennatan waan turaniif hojii isaan kennatanis mootummaan sagalee argate cichoominaan hojjechuuf qophiidha jedhan.

NO COMMENTS

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Exit mobile version