๐—”๐—ฏ๐—ฏ๐—ฎ๐—ฎ ๐—พ๐˜‚๐—ฏ๐—ฎ ๐Ÿฏ๐—ณ๐—ถ ๐—ฎ๐—ฏ๐˜‚๐˜‚๐—ฑ๐—ฑ๐˜‚๐˜‚ ๐—ฑ๐—ต๐—ฒ๐—ฒ๐—ฟ๐—ฎ๐—ฎ!

Date:

‘OBN Cyber Media’ Waxabajjii 25, 2018

Giruum Gazzuu jedhama. Jiraataa Magaalaa Adaamaa yoo ta’u kophee qulqulleessee bula.

Giruum quba harka mirgaa 5fi quba harka bitaa 3 waliin dhalachuu hime.

Qubni abuudduun silaa kaanirra gabaabbachuu malemmoo kan quba lachuu kaanirra dheerachuunsaa uumama addaa isa godha.

Giruumis hojii uumaan bifa addaan uume kana simachuun quba harka mirgaa shananiifi kan harka bitaa sadan wal utubsiisee kophee qulqulleessuun hojjetee jiraata.

Namoonni haaraan kophee qulqulleeffachuuf bira yoo dhaqan harka quba 3 qofa waliin uumame kana arganii akka dinqisiifatanis ‘OBN Cyber Media’tti hime.

Inumaa maamilummaasaanii akka itti fufaniifi kaffaltii dabalataallee(tip) akka isaaf kennan dubbate.

Qubni abuudduun lafee 2 qofa ofkeessaa qaba kan jedhan Ogeessi Fayyaa Waliigalaa Dr.Abdurahmaan Haajii, akka quba kanneen birootti lafee 3 yoo qabaate garuu lakkoofsi qubaa hir’achuu ykn dabaluu akka danda’u himan.

Haalli uumama qubaa kun ‘triphalangeal thumb’ akka jedhamuufi namoota miliyoona tokko keessaa nama tokko carraan haala kanaan dhalachuu mudachuu akka danda’us eeran.

Isin namoota harka quba 5 ol ykn isaa gad waliin dhalatan hangam beektu? Gaafa argitan hoo miira akkamiitu isinitti dhaga’ama?

Nimoonaa Maamudeen

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Share post:

Subscribe

spot_imgspot_img

Popular

More like this
Related

โ€œHojiiwwan Naannoolee garagaraatti hojjetaman Itiyoophiyaa gara guddina yaadnutti geessuuf dandeettii qabu.โ€ Abiyyi Ahmad (PhD)

โ€˜OBN Cyber Mediaโ€™ Waxabajjii 25,2018 Ministirri Muummee Itiyoophiyaa Abiyyi Ahmad(PhD)...

TPLF’s Proxy War Agenda Endangers Ethiopia’s Democratic Transition: Professor Ale-mariam

OBN CYBER MEDI July 02, 2026 In an exclusive interview...

Ethiopia’s Tourism Renaissance: How Medemer is Transforming the Land of Origins into a Global Destination

OBN Cyber Media: June, 30, 2026For centuries, Ethiopia has...