Home Oduu 𝗔𝗯𝗯𝗮𝗮 𝗾𝘂𝗯𝗮 𝟯𝗳𝗶 𝗮𝗯𝘂𝘂𝗱𝗱𝘂𝘂 𝗱𝗵𝗲𝗲𝗿𝗮𝗮!

𝗔𝗯𝗯𝗮𝗮 𝗾𝘂𝗯𝗮 𝟯𝗳𝗶 𝗮𝗯𝘂𝘂𝗱𝗱𝘂𝘂 𝗱𝗵𝗲𝗲𝗿𝗮𝗮!

0

‘OBN Cyber Media’ Waxabajjii 25, 2018

Giruum Gazzuu jedhama. Jiraataa Magaalaa Adaamaa yoo ta’u kophee qulqulleessee bula.

Giruum quba harka mirgaa 5fi quba harka bitaa 3 waliin dhalachuu hime.

Qubni abuudduun silaa kaanirra gabaabbachuu malemmoo kan quba lachuu kaanirra dheerachuunsaa uumama addaa isa godha.

Giruumis hojii uumaan bifa addaan uume kana simachuun quba harka mirgaa shananiifi kan harka bitaa sadan wal utubsiisee kophee qulqulleessuun hojjetee jiraata.

Namoonni haaraan kophee qulqulleeffachuuf bira yoo dhaqan harka quba 3 qofa waliin uumame kana arganii akka dinqisiifatanis ‘OBN Cyber Media’tti hime.

Inumaa maamilummaasaanii akka itti fufaniifi kaffaltii dabalataallee(tip) akka isaaf kennan dubbate.

Qubni abuudduun lafee 2 qofa ofkeessaa qaba kan jedhan Ogeessi Fayyaa Waliigalaa Dr.Abdurahmaan Haajii, akka quba kanneen birootti lafee 3 yoo qabaate garuu lakkoofsi qubaa hir’achuu ykn dabaluu akka danda’u himan.

Haalli uumama qubaa kun ‘triphalangeal thumb’ akka jedhamuufi namoota miliyoona tokko keessaa nama tokko carraan haala kanaan dhalachuu mudachuu akka danda’us eeran.

Isin namoota harka quba 5 ol ykn isaa gad waliin dhalatan hangam beektu? Gaafa argitan hoo miira akkamiitu isinitti dhaga’ama?

Nimoonaa Maamudeen

NO COMMENTS

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Exit mobile version