‘OBN Cyber Media’ Adoolessa 21,2018.
Inisheetiiviin misooma baala shaayii Naannoo Oromiyaa keessatti hojjetamaa jiru qonnaan bultoota hedduuf madda galii, carraa hojii fi fooyya’iinsa jireenyaa ta’aa jira.
Godina Iluu Abbaa Boor, Jimmaa fi Buunnoo Beddallee keessatti qonnaan bultoonni hedduun lafa isaanii irratti baala shaayii misoomsuun oomisha yeroo dheeraa kennu kana irraa galii argachaa jiru.
Keessumaa Godina Iluu Abbaa Booritti qonnaan bultoonni 412 lafa heektaara 633 irratti baala shaayii kilaastaraan misoomsaa jiru.
Hanga ammaatti Naannoo Oromiyaatti lafti heektaara 4,200 ol baala shaayiitiin misoomeera.
Oomisha kanaaf warshaa barbaachisu 7(torba) ijaaruuf, Kaampaaniin OMIG (Oromia MIDROC Investment Group) hundaa’uun hojii qindeessuu fi raawwachiisaa hojjechaa jira.
Dhaabbileen warshaa dhiyeessan adda baafamanii qorannoo teeknikaa (technical evaluation) raawwachaa kan jiran yoota’u, gareen gorsitootaa (consultants) kaampaanichaan qacaraman bakka warshichi itti dhaabbatu ilaalchisee godinaalee Jimmaa, Iluu Abbaa Booraa fi Buunnoo Beddallee keessatti qaamaan argamuun adda baasaa jiru jedhan Hoogganaa Ittaanaan Biiroo Qonnaa Oromiyaafi Itti Gaafatamaan Damee Misooma Bunaa, Muduraafi Mi’eessituu Obbo Mohaammadsaanii Amiin.
Misoomni baala shaayii kun oomisha qonnaa qofa osoo hin taane, carraa hojii uumuu, galii qonnaan bultootaa guddisuu fi sharafa alaa argamsiisuuf gahee olaanaa qaba.
Fayyeeraa Fufaatu qindeesse.










