โ€œHojiiwwan Naannoolee garagaraatti hojjetaman Itiyoophiyaa gara guddina yaadnutti geessuuf dandeettii qabu.โ€ Abiyyi Ahmad (PhD)

Date:

โ€˜OBN Cyber Mediaโ€™ Waxabajjii 25,2018

Ministirri Muummee Itiyoophiyaa Abiyyi Ahmad(PhD) hojiiwwan naannoolee garagaraatti hojjetaman Itiyoophiyaa gara guddina yaadnutti geessuuf dandeettii qabu jedhan.

Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad(PhD) Naannoo Kibba Itiyoophiyaatti qaama pirojektii misooma koriidarii baadiyyaa kan taโ€™ee Qe’ee Moodelaa ammayyaa Hamaasaa guyyaa harโ€™aa eebbisaniiru.

Hojiin misooma koriidarii baadiyyaatti hojjetame qonnaan bulaan naannawichaa jireenya fooyyaโ€™aa akka jiraatu taasiseera jedhan.

Mootummaan bara darbe hojii misooma koriidarii baadiyyaatiin naannawaa adda addaatti manneen moodela ijaaruus yaadachiisan.

Bara kana bakkeewwan hedduutti jiraattoonni ofii isaaniin ijaaraa jiraachuus eeraniiru.

Nuti deeggarsa taasisuun ala baasiin guutummaatti qonnaan bultootaan uwwifamas jedhan.

Qonnaan bulaan kuduraaleefi muduraalee, Damma, Qurxummii, lukkuu fi galteewwan aannanii oomishuun fayyadamaa taโ€™aa jiraachuus ibsan.

Qulqullinni fi nyaanni yoo jiraate fayyaan ni jira kan jedhan Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad (PhD), dhimmoota kanaaf xiyyeeffannoo kennuun barbaachisaa taโ€™uu hubachiisan.

Haala kanaan jireenya lammiilee jijjiiruun akka dandaโ€™amu eeruun, xiyyeeffannoon yoo hojjenne Itiyoophiyaa gara guddina yaadnutti geessuuf dandeettii qabu jedhan.

Hojiiwwan gaariin eegalaman akka babalโ€™ataniif mootummaan deeggarsa barbaachiisu ni taasisas jedhan Abiyyi Ahmad(PhD).

Haaluma walfakkaatuun Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad (PhD) Warshaa dhagaa cileeโ€Yoo Hooldiingiiโ€daawwatan.

Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad (PhD) ergaa karaa miidiya hawaasaa isaanin dabarasaniin, Harโ€™a Godina Gaamootti Warshaa dhagaa cileeโ€Yoo Hooldiingiiโ€jiโ€™a Hagayyaa bara 2017 hojii jalqabe daawwanneerra jedhan.

 Kunis fedhii indaastiriiwwanii kan biyya keessaatiin bakka buusuun oomisha alaa galu kan hambise jedhan.

Akkasumas jiraattoota naannawichaafis carraa hojii kan uume taโ€™uu himan. Oomisha biyya keessaa dandeettii ofiin guddisuun, bilisummaa dinagdeefi birmadummaa keenyaaf buโ€™uura jedhan Abiyyi Ahmad (PhD).

Qabeenya uumamaa keenya fayyadamuun imalli birmadummaa dinagdee mirkaneessuu eegalle cimee itti fufas jedhan.

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Share post:

Subscribe

spot_imgspot_img

Popular

More like this
Related