‘OBN Cyber Media’ Sadaasa 30,2017-Wiirtuun misooma bu’uuraa qindaa’aafi mana iireenyaa Magaalaa Finfinnee Kutaa Magaalaa Aqaaqii Qaallittii, naannawaa Koyyee Faccee, Galaan Gurraatti ijaarameefi jiraattota magaalaa Finfinnee sababa misoomaatiin naannawaa Kazaanchisii ka’aniif kenname bakka Kantiibaa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeefi hoggantoonni biroon argamanitti eebbifameera.
Wiirtichi:
Mandarri Misooma Qindaa’aa Galaan Guraa maal of keessatti qabate?
o Manneen jireenyaa 1,200, lammiilee 6,500 kan qabate o Daandii Asfaaltii keessoo dheerina KM 1.6 qabu
o Terminaalaa Awutoobisiiwwan 20 ol altakkaan keessummeessu o Baatiiwwan lama keessatti manneen barnootaa idileen duraa haga sadarkaa 2ffaa, giddugala soorataa waliin
o Warshaa biddeenaa haadholii 270f carraa hojii uume o Giddugala soorataa maanguddoota 500 guyyaatti si’a takka nyaachisu
o Warshaa guyyaatti daabboo kuma 60 oomishu daaktuu midhaanii waliin
o Bakka taphaafi tursiisa daa’immanii sadarkaa isaa eeggate o Bakka olmaa ispoortii lama, magariisummaafi bakka haara-galfannaa
o Lammiilee kuma 1f 646 carraa hojii dhaabbiifi yeroo kan uume ta’uu, Odeeffannoon fuula Miidiyaa hawaasummaaKantiibaa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeerraa odeeffanne
