Home Oduu “Paartiin Badhaadhinaa seenaa gara qabeenyaatti; hambaa gara duudhaatti jijjiire”- Obbo Tamasgeen Xurunee.

“Paartiin Badhaadhinaa seenaa gara qabeenyaatti; hambaa gara duudhaatti jijjiire”- Obbo Tamasgeen Xurunee.

0

‘OBN Cyber Media’ Guraandhala 03,2018

Paartiin Badhaadinaa mata duree “ Itiyoophiyaa gara biyya fakkeenya taateetti” jedhuun manifeestoofi mallattoo filannoo isaa beeksise.

Paartichi ‘Nadoo’ Qamadii mallattoo filannoo isaa gochuun ifoomse.

Pirezidaantii Itti aanaa Paartii Badhaadhinaafi Ministirri Muummee Itti aanaa obbo Tamasgeen Xurunee saganticharratti ergaa dabarsaniin, Paartiin Badhaadhinaa seenaa gara qabeenyaatti; hambaa gara duudhaatti paartii jijjiiredha jedhan.

Paartiin Badhaadhinaa filannoo waliigalaa marsaa 6ffaa booda, hojii dameewwan diinagdeefi hawaasummaa irratti hojjeteen Itiyoophiyaan dameewwan hedduun jijjiirama keessa akka jirtu eeran.

‘Dijitaal’ Itiyoophiyaa, Faayinaansii dijitaalaa, tajaajila dijitaalaa fi hojiilee biyyattii idaarraa gara miindaatti ceesisan hedduun hojjetamuus ibsaniiru.

Dameewwan hawaasummaanis walitti hidhamiinsa ummattootaa dagaagsuuf ayyaanonni ummataafi aadaa akka ciman taasifamuu eeruun, kunis hariiroo hawaasaa daraan cimseera jedhan.

Hojiin dameewwan hundaan hojjetames, Itiyoophiyaan boquu buustee akka hin hafne agarsiiseera; seenaanis jijjiirameera jedhan.

Pirezidaantii Itti aanaa fi Itti gaafatamaan Waajjira Muummee Paartichaa obbo Adam Faaraah, paartiin badhaadhinaa filannoo waliigalaa marsaa 7ffaan fedhii ummataan injifachuun Itiyoophiyaa gara biyya fakkeenya taateetti ceesisuun galma isaa ta’uu ibsan.

Waltajjicharratti Miseensota Koree Hoji- Raawwachiiftuu Paartii Badhaadhinaa fi miseensota Mana Maree Paartii Badhaadhinaa dabalatee hoggantoonni paartichaa biroofi keessummoonni affeeraman argamaniiru.

NO COMMENTS

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Exit mobile version