‘OBN Cyber Media’ Sadaasa 30, 2017-Namoonni taaksii Birrii miiliyoona 100fi miiliyoona 32 oli waliin dhahuufi dhoksuun shakkaman sadii to’atamuusaanii, Abbaan Taayitaa Galiiwwanii Blchiinsa Magaalaa Dirree Dhawaa beeksise.
Daareektarri Olaanaan Abbaa Taayitichaa,Obbo Abdusalaam Mahaammad, hojii qindoominaa gama seera kabachiisuufi dhimmoota walfakkaataniin hojjetameen namoonni yakka taaksii waliin dhahuufi dhoksuun shakkaman sadii to’atamuusaanii,Biiroo Kominikeeshinii Magaalichaarraa odeeffanne.
