‘OBN Cyber Media’ Waxabajjii 17,2018
Humna bishaanii mala dubartii siif haa kennuu jedha Oromoon gaafa mammaaku. Inni kun bilchina dubartootaa jiruufi jireenya guyyuu dhala namaa keessatti mul’atuuf ragaa jabaadha.
Oromoonis kanuma hubachuun afoola isaa keessatti ergaa jabaa kana dabarsaa har’a ga’e. Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniittis har’a guyyaa idil-addunyaa dubartoota Dippilomaasii keessa jiranii kabajaa jira.
Dhimmoota addunyaa irratti hirmaattota qofa osoo taane; dubartoonni walqixxummaafi nageenya waaressuuf isaan gaggeesitoota tumsa egeree addunyaati. Sgaleen isaanii, ilaalchaafi hooggansi isaanii qormaatilee addunyaa sakaalaa jiraniif murteessaadha jedha, barruun fuula marsariitii Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii.
Akkuma hojiin dippilomaasii hariiroo addunyaa mijeessuuf dhalate hirmaannaa dubartootaa mirkaneessuun sirni hooggansa addunyaa milkaa’aa akka ta’uuf akkaan gargaaraa.
Hirmaannaan dubartootaa dippilomaasiin addunyaa calaqqee sirrii ummataa akka ta’uuf faayidaa olaanaa qaba.
Waggaa waggaan kan yaadatamu guyyaan dubartoota dippilomaasii addunyaa injifannoowwaniifi gumaacha dubartoonni hojii dippilomaasii keessatti raawwatan jajjabeessuufi mootummoota, dhaabbilee idil-addunyaa, dhaabbilee barnootaafi hawaasa dippilomaasii carraa qixa dubartootaaf akka uumaniif kaka’umsa uumuuf guyyichi yaadatama.
Dhaaddannoo “gaggeessummaa dubartootaa dippilomaasii gam-lamee “ jedhuun kan kabajamu guyyaan dubartoota dippilomaasii addunyaa baranaa; dubartoota qormaatilee isaan mudatan injifachuun barbaachisummaa dubartoonni murtoo kennuu keessatti qabaniifi wal qixxummaa koorniyaa hariiroo addunyaa irratti xiyyeeffachuun yaadatamee ooleera.
Yaa’ii 76’ffaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii, tumaa 76/269’n kan murtaa’e guyyaan Dubartoota dippilomaasii idil addunyaa; Akka lakkoofsa warra Faranjootaa June 24, Waxabajjii 17 sirnoota garagaraatiin yaadatamee oole. Marsariitii Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniifi Madden biroo irraa odeeffanne.
