Home Biizinasii Qonnaan Bultoonni Afran Qalloo waldaan gurmaa’uun Buufata raabsaa boba’aa Magaalaa Dirree Dhawaatti...

Qonnaan Bultoonni Afran Qalloo waldaan gurmaa’uun Buufata raabsaa boba’aa Magaalaa Dirree Dhawaatti ijaaruun eebbisan.

0

‘OBN Cyber Media’ Muddee 27, 2017-Yuuniyeeniin Waldaa Hojii Gamtaa Qonnaan Bultoota Afran Qalloo Buufata raabsaa boba’aa Birrii miiliyoona 48’n ijaare eebbise .

Buufanni boba’aa kunis bakka Afran Qalloo jedhamu lafa kaaree kuma 20 irratti ijaarame.

Buufanni boba’aa kun iddoo konkolaataan dhaabbatu dabalatee guyyaatti konkolaataawwan dhibba 2 ol  keessumeessuu kan danda’uufi

mana ciisichaa siree 50 qabaachuu,hoji gaggeessaan Yuuniyeenichaa Obbo Mohaammad Abdulsamad himan.

Qonnaan bultoonni gurmaa’uun hojii waggoota 20 darbanitti hojjetaniin kaappitaala Birrii miiliyoona dhibba 2 ol horachuun Investimentii keessa seenuus ibsaniiru.

Qonnaan bultoonni miseensa Yuuniyeenichaa dubbifnes, buufanni boba’aa ijaarame dinagdeesaanii utubuurra darbee, hanqina boba’aa duraan waqtii Bonaa misooma jallisiirratti oomishasaanii bishaan obaasuuf rakkisaa ture kan furuuf ta’uu himan.

Yuuniyeenichi wiirtuu gabaaf kan tajaajilu gamoo abbaa darbii shanii ijaaruufis  hojii eegaleera.

Yuniyeeniin Afran Qalloo hojii calla guddistuu miseensotaaf raabsuurra darbee, yeroo ammaa gabaa tasgabeessuu,piroojektoota gurguddaa ijaaruu dinagdee biyyaa utubuu akkasumas hojii investimentii babal’isuun dorgomtummaasaa dabalaa jiraachuu hoji gaggeessituun Ejensii Babal’ina Waldaalee Hojii Gamtaa Godina Harargee Bahaa Aadde Boonsituu Ibraahim himaniiru.Kuraabbaachoo Geetuutiin.

NO COMMENTS

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Exit mobile version