OBN Cyber Media Caamsaa 05,2017-Hayyoonni dhimma kana irratti dubbifne maal jedhu?
Namni karoora hin qabneefi Fardi luugama hin qabne tokko jedha Oromoon yoo mammaaku.
Namni ammuma yaada isaafi karoora isaa ga’a jedhama.
Dhala namaa uumama kaan irraa kan adda godhu yaaduu,galma isaa kaawwachuu galma kaayyate sana bira ga’uuf ammoo karoorsuu, kan karoorse sana afiixaan baasuudha.
Nama yaada qabutu karoora qaba jedhu Hayyuun Diinagdee Yuunivarsiitii Wallaggaa irraa dubbifne Dr Tamasgeen Furii.
Yaanni sun immoo ogummaaf dandeettiin gara hojiitti hiikama.
Karoora biizinasii yookaan business proposal maalidha?
Akka Dr Tamasgeen Jedhutti karoorri biizinasii caaseffama yookaan cancala hojii uumuudha. Hojii sana salphaatti fiixa baasuuf karoora daldalaatu daandiidha.
Faayidaan karoora biizinasii maali?
1.Galtee salphaan hojiin sana fiixa baasuuf
kana jechuun namni karoora biizinasiin hojjetu baasii salphaan, humna namaa muraasaan, yeroo gabaabaatti hojii milkeessuuf hojiin un immoo bu’a qabeessa akka ta’uufillee ni gargaara.
2.Liqaa maallaqaa argamsiisuuf.
- Dargaggoonni kalaqaafi yaada biizinasii qaban karoora daldalaa yookaan ‘business proposal’ yoo qabaatan, salphumatti liqaa maallaqaa argachuu dhaabbiilee liqeessitoota irraa argachuu danda’u.
3 Kisaaraa nama oolcha karoorri biizinasii,
- Kisaaraan dhaabbilee biizinasii gabaa dhabuu irraa maddaa.
- Qorannoon qabaa immoo karoora bizinasii keessa waan jiruuf sana oolcha.
4 Qabeenya qabdu sirnaan qoqqoonnee itti fayyadamuuf
- Kutaa hojii addaa addaatti ,baajata qaban qoodanii ittiin hojii ofii milkeessuufi baajata qusachuuf.
5 .Sirnaan baasiif galii biizinasii to’achuuf
Namni karooraa daldalaa malee hojjetu hojima arge hojjetta kun immoo baasiifi kasaaraaf nama saaxila.
Namni ammuma yaadeefi karoorse ga’a jedhama milkaa’ina hojii biizinasiif jalqabni karora daldalaa akka ta’e gorsa Dr Tamasgeen.Jireenyaa Yaadataatu gabaase.
