OBN Cyber Media Ebla 07,2017-Ayyaana Faasikaaf hanqinni dhiyeessii oomishaalee garaa garaa akka hin uumamne hojjetamaa jiraachuu, Biiroon Daldala Oromiyaa ibse
Biiroon Daldala Oromiyaa ayyaanni wayita dhufu hanqinni dhiyeessii sababa garaa garaatiin uumamuun qaala’insi gabaa akka hin mudanneefi ummanni karaa tasgaabbaa’een ayyaanicha akka dabarsuuf qooda fudhattoota waliin hojjetaa jira.
Bu’uuruma kanaan Ayyaana Faasikaa sababeeffachuun hanqina dhiyeessii oomishaalee garaa garaa uumamuu maluufi qaala’insa gatii tasgabbeessuuf hojjetamaa jiraachuu, Hoogganaa Itti Aanaa Biiroo Daldala Oromiyaa,Obbo Tasfaayee Gashoo ibsaniiru.
Haaluma Kanaan, ayyaana faasikaa fuuldura keenya dhufaa jiruun wal qabatee hanqina dhiyeessii oomishaalee garaa garaa uumamuu malu furuuf hojjetamaa jiraachuu himanii; Biirichi ayyaana Faasikaa sababeeffachuun hanqinni dhiyeessii akka hin mudanne qooda fudhattoota waliin qindoominaan hojjechaa jira jedhan.
Ayyaana Faasikaaf Godinaaleefi Magaalota Oromiyaa hunda keessatti midhaan gosa garaa garaa, meeshaalee bu’uuraa zayitiifi sukkaara, kuduraafi muduraa, bu’aawwan Indaastirii, beeyladaafi bu’aawwan beeyladaa dhiyeessuun qaala’iinsi gabaa yeroo ayyaana kanaa akka hin uumamneef xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraachuu,Obbo Tasfaayeen dubbataniiru.
Midhaan gosa adda addaa kuntaala 200,0000 ol, kuduraa fi muduraa toonii 450,000 ol, beeyilada dhaabbii horii maalaa 220,000 ol, re’ee 230,000, hoolaa 200,000, lukkuu 10,000,000, killee miiliyoona 40 ol, zaayiita nyaataa liitiraa 1,500,000 fi daakuu kuntaala 50,000 gabaaf dhiyeessuuf qindoominaan hojjetamaa jiraachuu ibsameera.
Gabaa sanbataa 557 hundeeffaman hunda irratti qonnaan bultoonniifi oomishtoonni oomisha qonnaa kan akka kuduraaf muduraa, midhaan nyaataafi oomishaalee indaastirii gahaa ta’e akka dhiyeessaniif caasaa sadarkaan jiru hirmaachisuun hojjechaa jira.
Bu’aan oomisha qonnaa magaalaan irraa argamees sadarkaa gabaa sanbataa hundattii walittii hidhaminsii gabaa kan raawatamu ta’uu kaasaniiru.
Walumaagalatti dhiyeessiin hawaasni barbaadu hundii karaa tasgabbii qabuun gatii madaalawaan kan argamu ta’uu beekee akka fayadamuu Obbo Tasfaayeen dhaamaniiru.BKO
