Home Articles Onesmoos Nasib/ Abbaa Gammachiis  eenyu?

    Onesmoos Nasib/ Abbaa Gammachiis  eenyu?

    0

    Seenaa Gootota Oromoo!

    Seenaan qabsoo Ummata Oromoo umrii dheeraa kan qabuufi bu’aa ba’ii hedduu kan gaafatedha.

    Adeemsa qabsoo kana keessatti lubbuun namoota hedduu galaafatameera.

    Gootota Oromoo qabsoo hawaasa Oromoo keessatti gahee bahaa turan keessaa tokko kan tahan waa’ee Onesmoos Nasiib ykn Hiikaa Awaajii isiiniif dhiyeessina.

    Onesmoos Nasiib Eenyu?

    Onesmoos Nasib/ Abbaa Gammachiis (1856 -1931) –

    “Mucaa koo ni gurgurattamoo gabroomfattee teessifatta.”- Onesmoos Nasiib.

    Onesmoos Nasib/ Abbaa Gammachiis bara 1856 Godina Iluu Abbaa Boor magaalaa 

    Hurrumuutti dhalatan.

    Maqaan isaa kan dhalootaa Hiikaa Awaajii jedhama. Barri Hiikaa Awaajii itti dhalate kuni bara walitti bu’iinsi naannoo isaa keessa ture waan ta’eef, Abbaan Hiikaa, Obbo Awaajii Irreessoo ijoollee isaanii sadeen Boonsaa, Seenaafi Hiikaa haadha warraa isaanii biraatii dhiisanii, waraana Iluuf Hurrumuu keessatti wareegaman.

    Kunis Hiikaan abbaa isaa waggaa  afuritti akka dhabuuf sababa ta’eera.

    Bara 1869 garboomsitoonni Hiikaa haadha isaa jalaa hatuun, maqaa  biraa Nasiib jedhu 

    moggaasaniifii akka garbaatti gurguratan.

    Sanaan boodas Hiikaa Awaajii yeroo heddu bitamee gurgurameera.

    Haaluma kanaan jireenya isaa keessatti yeroo saddeet bitamee garbummaaf  gurgurame.

    Dhumarratti, itti aanaa itti gaafatamaa Qoonsilaa Firaansi  kan ture, namni Weerner 

    Munziinger jedhamu, Magaalaa Mitsiwwaatti isa argatee akka garbummaan hin gurguramne bilisa  isa baase.

    Sana booda ergamtoonni lallaba Kitaaba Qulqulluu Siwiidiin mana barnootaa ijoolleen dhiirri qofti  itti baratan iddoo ‘Imkulluu’ jedhamu waan qabaniif, Nasiib achi galee akka baratu taasisan.

    Nasiibis  yeroo gabaabaatti barataa cimaa dandeettii addaa qabu akka ta’e mirkaneesse.

    Dhalatee waggaa  16’tti Bitootessa 31 bara 1872 cuuphamee maqaan kiristaanummaa Onismoos jedhamu  mogga’eef. Afaan Girikitiin ‘Onesmos’ jechuun faayidaa qabeessa jechuudha.

    Barnoota isaas duraa waggoota shan keessatti xumuruun itti aansuun, dhaabbata barnootaa amantaa  ‘Johaaneluundis’ jedhamu, kan magaalaa Biromaa, biyya Siwiidinitti argamutti ergamee waggoota   shaniif barnoota amantaa ol’aanaa baratee booda gara Mitsiwwaatti deebi’uun , dubara  waggaa  kudha sagalii Mihirat Hayiluu jedhamtu fuudhe.

    Onesmoos Nasiib Ummata isaa barsiisuuf fedhii cimaan isa keessatti wanta uummameef, haadha  warraa isaa, abbaa ishiifi namoota biroo sadii ta’anii waliin karaa Sudaaniin gara Wallaggaa  seenuuf adeemsa eegalan.

    Haa ta’u malee, loltoonni Mootummaa Itiyoophiyaa adeemsa isaaniitti  gufuu waan itti ta’aniif, Asoosaa darbuu wanta dadhabaniif gara magaalaa daangaa Itiyoophiyaafi  Sudaan jirtu, kan Faamkaa jedhamtutti deebi’uuf dirqaman. 

    Onesmoosis achi osoo jiraatuu dhibee busaatiin qabamee daran dhukkubsate.Kana booda 

    Onesmoosiifi miiltoowwan isaa gara Kaartumitti deebi’uuf waan dirqamaaniif bara 1882  Kaartuum gahan.

    Onesmoos achitti dhibee busaa irraa fayyuun gara Imkulluutti deebi’ee, hojii  isaa wangeela barsiisuu itti fufe. Yeroo sanii kaasee, barreeffama adda addaa gara Afaan Oromootti hiikuu eegale.

    Bara 1886 yeroo lammaffaaf gara Wallaggaa deemuuf tattaafiin taasisan  erga gufatee booda, Kitaaba Qulqulluu guutumaa guutuutti gara Afaan Oromootti hiikuu eegale.

    Haa  ta’u malee, ijoollummaa isaarraa eegalee Ummataafi aadaa isaa keessatti wanta hin guddatiiniif, hanqina jechootaafi jechamoota Afaan Oromoo wanta qabuuf, gargaarsa barbaaduuf dirqame. 

    Akka carraa ta’ee, shamarree Asteer Gannoo jedhamtu, kan Iluu Abbaa Boor garbummaan gara 

    Yemenii fudhatamaa osoo jirtuu loltoota galaanarraa Itiliin bilisa baate, Imkulluutti argate.

    Ishiinis hojii isaa barreeffamoota gara Afaan Oromootti hiikuurratti gargaarsa olaanaa 

    taasisteef.

    Gargaarsa ishiin gooteefiin Kakuu Moofaa gara Afaan Oromootti hiikee Waxabajjii bara 1897 xumure.

    Bara 1904 gara Wallaggaa deemee, uummata isaatti makamuu danda’e. 

    Yeroo sana bulchaa Wallaggaa kan ture, ‘Dajjaazmaach’ Gabra-Igizaabeer, fuula ifaan isa simate.

    Yeroo duraatiif Ummata isaaf Afaan Oromootiin Kitaaba Qulqulluu lallabuu eegale. Haa ta’u malee, luboonni (qeesonni) amantaa Ortodooksii naannawaa san turan afaanicha wanta hin dhageenyeef,  jibbiinsa cimaa irratti horatan.

    Jaalalaafi kabajni ol’aanaan inni Ummata Oromoo biratti  horate, wanta isaan rifachiiseef, sababa “Maaramii kabaja dhoorke” jedhuun isa yakkanii, 

    Paatiriyaarkii Orotodooksii kan ture, Abuna Maatiwoos biratti akka dhiyaatu ta’e. Abunichis 

    himannaa qeesonni dhiheessanirratti hundaa’uun akka biyyaa bahu itti murteesse.

    Haa ta’u malee, Minilik, murtii Abunichaa haquun, Onesmoos gara Naqamteetti akka deebi’u, garuu sanaan booda  gonkuma akka wangeela hin lallabne itti murteesse.

    Sanaan  booda sochiin inni uummata bal’aa keessatti taasisu waan daanga’eef, mana barnootaa  Naqamteetti bane keessatti barsiisaa ture.

    Yeroo sanas balaan biyyaa ari’amuu isaa marsa ture. Lij Iyyaasuun bara 1916 aangoo fudhannaan amantaa isaa akka barsiisu eeyyameef.

    Lij Iyyaasuun, waggaa tokkoon booda aangoorraa fonqolchamus, murtiin isaa akkuma jirutti wanta itti fufeef,  Onesmoos hanga gaafa du’uutti, barreeffamoota adda addaa gara Afaan Oromootti hiikee raabsuufi  Kitaaba Qulqulluu barsiisuu kan itti fufe yoo ta’u, barreeffamoota inni Afaan Oromootiin  qopheesse keessaa kan kanaan gadii eeruun ni danda’ama:-

    Seenaa Oromoo keessatti ,keessumaa karaa afaaniitii fi karaa barnootaa irratti gumaacha kana  godhan dubartii baayyee guddoodha.Dubartoota baay’eef fakkeenya,Asteer Gannoon.

    Hiikaa Awaajiin Kitaabi maqaa Asteer Gannoo Salbaanaatiin barreeffamee hin maxxanfamiin hedduu akka jecha Kitaaba xiqqaa mata-dureen isaa “Onnee Namaa” jedhu, kan faaruu 100 qabu Afaan Giriikiirraa  gara Afaan Oromootti hiikaniiru.

    Aster Gannoo nama bara jabaa keessatti Afaan Oromoo barreessuufi barsiisuu jalqabdeedha.

    Bara 1885’tti gargaarsa Asteer Gannootiin, Kuusaa jechootaa Oromoo- Siwiidiin, kan 

    jechoota 6000 qabu qopheesse.

    Bara 1886 faaruu wangeelaa “Galata Waaqayyoo Guddaa” jedhamu hiikee maxxanse.

    Bara 1892 kitaaba xiqqaa “Luuter Kaatekiizim” jedhamu Afaan Oromootti hiike.

    Bara 1894 tumsa Asteer Gannootiin kitaaba Sheekkoo gaggabaaboo 79 qabu maxxanse. Mata dureen kitaaba kanaa “Jalqaba Dubbisaa” jedhama. Kitaabni kun fuula 174fi jechoota 3600 qaba.

    Onesmoos Nasiib Waxabajjii 21, bara 1931 dhibee Onneetiin addunyaa kanarraa darbe.

    Hojii hayyuu kana dhaloota ammaa hubachisuuf, Mootummaa Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Lixaa,Magaalaa Ambootti Mana Barumsaa Ifa Boruu Bultii Addaa Sadarkaa 2ffaa Amboo keessatti Siidaasaa ijaareera.

    Inistiitiyuutii Qo’annoofi Qorannoo Oromoo wabeeffachuun Masfin Tashoomaatu qindeesse.

    NO COMMENTS

    LEAVE A REPLY

    Please enter your comment!
    Please enter your name here

    Exit mobile version