‘OBN Cyber Media’ Amajjii 01,2017-Daldaltoonni boba’aa gatii gurgurtaa
mootummaan baaseen olitti osoo gurguranii argaman
labsiin hanga birrii kuma 500 adabsiisu Paarlamaa Itiyoophiyaan ragga’e.
Daldaltoonni boba’aa gatii gurgurtaa
mootummaan baaseen olitti osoo gurguranii argaman labsiin hanga birrii kuma 500 adabsiisu Paarlamaa Itiyoophiyaan ragga’e.
Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa wal-gahii idilee 14ffaa har’a ta’een, labsiiwwan gara garaa raggaaseera.
Labsiiwwan kanneen keessaas duree oduu Miidiyaa hedduu kan ta’e dhimma labsii qisaasamaafi hanna boba’aarratti raawwatamu ittisuuf ragga’edha.
Akka labsii kanaatti, gatii gurgurtaa kaa’ameen olitti gurguruun yakki jalqabaa raawwatamu birrii kuma 300 hanga kuma 500 adabsiisa.
Gochi kun irra deddeebiin yoo raawwatame immoo adabbii maallaqarratti hidhaa wagga sadii hanga shanii gahu dabalataan adabsiisuu akka danda’u labsii kanaan akeekameera.
Labsiin kunis walga’ii mana-maree Kamisa har’aa taa’amerratti sagalee caalmaan ragga’eera. Akka labsii kanaatti, boba’aa bakka hayyamameefiin alatti kan kuuse, nama, bakkaafi sirna gugurtaa hayyamameen ala osoo gurguruu argame kamiyyuu hidhaa wagga sadii hanga wagga shanii, akkasumas birrii kuma 300 hanga kuma 500 adabama.
Kana malees, boba’aan qabames akka dhaalamu labsichaan akeekameera.
Dabalataanis qaamni Omishaalee boba’aa ta’e jedhee wantoota biroo waliin walitti makuun gabaaf dhiyeesse hidhaa wagga shanii hanga wagga torbaa, akkasumas Birrii kuma 350 hanga kuma 500 akka adabamu labsii kanaan tumameera. Mana maricharraa odeeffanne
