‘OBN Cyber Media’ Mudde 30,2017-Hojii rifoormii dhaabbilee teknikaafi ogummaa keessatti hojjetamaniin qabeenya haaraa uumuun danda’amuu, Ministirri Hojii fi Ogummaa Aadde Mufaariyaat Kaamiil beeksisan.
Dhaabbileen leenjii kunneen lammiileen yaada hojii qabeenya hojii uumuu maddisiisuufi misoomsitoota teknooloojii rakkoo furuu danda’anii akka ta’an taasisaa jiru jedhaniiru.
Adde Mufariyaat guddina dinagdee itti fufiinsa qabuu fi hojii dhabdummaa hir’isuuf guddina ogummaa guddisuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
Guddinna ogummaaf immoo dhaabbilee leenjii ammayyeesuu , misoomawwan bu’uuraa guutuufii fi hojiiwwan hunda galeessa hojjechuun barbaachisadha jedhan.
Waggoota jijjiiramaa darban keessatti hojii rifoormii dhaabbilee teknikaafi ogummaa keessatti hojjetamaa tureen qabeenya haaraan uumuun danda’uu himaniiru.
Kanaanis dhaabbileen kunneen barattoonni isaan oomishan kan yaada hojii maddisiisanii fi misoomsitoota teeknooloojii rakkoo furuu danda’anii akka ta’an gargaaraa jiru jedhaniiru.
Dhaabbileen barnootaa, leenjii, teknikaafi ogummaa bu’uura kanaan hojjechuu itti fufuun dhaqqabamummaasaanii akka babal’isan ni hojjetama.
Kunis Itophiyaatti lammiileen fedhiifi dandeettii qaban giddugalaawwan kanneenitti hojii uumuu akka danda’an kan taasisu ta’uu ibsaniiru.TOI
