Maseenni dhaluu didde, warra elmatee garaa qabbaneeffachuuf akeeke obsa fixachiifti, gu’aa hin mirgifne mucha luuguus nama kajeelchifti, harkuu elmuuf quba nama hadoochitu sossobachuufis ijibbaachifti.
Dhalli namaas qajeelummaa, jaalalli, waldhagahuufi waliif nahuun gidduusaatti itite gaafa qorruu jalqabu, angafoonni yokiin maanguddoonni xiinxaluun bifa ogummaafi icciitiin masakameen akka deebi’uuf bakka dabe barbaadanii dhidhiibu. Kunimmoo bakka kufte utuu hin taane bakka itti mucucaatte beeki kan jedhaniin walsima.
Oromoonis kanumaaf ta’uu hin ooluutii goleewwan garaa garaarraa ba’uun nagaan kan boora’e kabajaafi jaalala abaabileefi akaakileen abbootatti dabarsan gidduutti harcaasuurraa madduu hin oolu jechuun jaarsaafi jaartiin wal-waamanii waan horan,kan ergataniifi waan safeeffatan of faana hiriirsuun ba’anii uumamaafi uumamatti iyyatan.
Dhaamsi kunis seerri uumaafi uumamaa akka hin dabne, haatis guyyaa waaqaa malee ilmoo xobbee akka hin dhabne, dargaggeeyyiifi gameeyyiinis guyyaasaanii malee karaatti akka hin cinne afaan beekaniin kadhachuu dabalatee warri siyaasa kamillee maqaa dhahatan, nagaaf-tasgabbii ummataaf dursa akka kennan gaafataniiru.
Haadholiinis adaraa harma hootanii guddattaniifi harka irraa nyaattaniif jedhaatii labooba miliqqee lolaa tolatti fidaa jedhanii watwaatan. Kan darbe mataa bishaanii ta’us dhaloota fuulduraaf yaaduun namni kamiyyuu keessoosaa miira dhiifamaafi araaraan guutuun furmaata ta’uus, hayyuun gadaa Tuulamaa Naggasaa Nagawoo ‘OBN Cyber Media’tti himaniiru.
Sirna Gadaa dimokiraasii, nagaa,dhugaafi jaalalli keessaa finiinu mudhuksee balleessuuf alagaan dhama’aa turus, abbootiin darban danqaa ture danqaranii, gadaatti cichuun kabajaan utubanii dhaloota har’aaf imaanaa dabarsaniiru.
Galfanni aadaafi safuu abbootaa akka hin nyaatamneef garaagarummaa jiru gaaddisatti fixachuun ol adeemaarraa waanjoo yokiin harqoota buusuutu fala jedhan, miseensi saglii gadaa Tuulamaa maanguddoo Dammallaash Geetaachoo Gadaa. Wanta dheebuun na godhe bishaan ga’een himadha, wanta beelli na godhe midhaan ga’een himadha akkuma geeraraan jedhe, dheebuu nageenyaammoo warra gidiraa waldhabdee argetu addabaabayiitti ba’ee huursee kadhachuun, biiftuu araaraa maniisheerraa quuqxee as baatu, akka daa’ima haati gabaa dhaqxeetti ija weersee eegaa jira waan ta’eef, “Walii galan alaa galuutii nagaa buusaa! jedhan maanguddoonni dubbifne.Waaqgaarii Qana’aatu gabaase
