Home Oduu Ji’oota jahan daraban filannoowwan dijitaalaan daddabarsi Birrii tiriiliyoona 5.3 raawwatamuun ibsame

Ji’oota jahan daraban filannoowwan dijitaalaan daddabarsi Birrii tiriiliyoona 5.3 raawwatamuun ibsame

0

OBN Cyber Media Mudde 30,2017-Baankiin Daldalaa Itiyoophiyaa bara bajataa kana ji’oota jahan daraban filannoowwaan dijitaalaa baankichaan daddabarsa maallaqaa Birrii tiriiliyoona 5.3 raawwachuu beekisise.

Akka Baankichi ibsetti yeroo ammaa daddabarsi mallaaqaa baankichaa harka 79 karaa filannoowwan dijitaalaan raawwatamaa jira.

Baankiin Dijitaalaa maamiltoonni baankii osoo gara damee baankii hin deemiin bilbila harkaafi kaardii fayyadamuun tajaajila akka argatan kan isaan dandeesisudha.

Daayreektarri Hoggansa Daldalaafi Bakka Bu’aa Kutaa Baankii Dijitaalaa Baankichaa Bileen Hayileemikaa’el akka himanitti, baankichi fayyadamtootaa CBE Birrii miiliyoona 30 fi baankii moobaayilaa miiliyoona 9 qaba.

Akkasumas baankichi fayyadamtootaa baankii kaardii(Card Banking) miiliyoona 21 fi maashinii POS kuma 4 ol akka qabu ibsaniiru.

Karaa filannoowwaan dijitaalaa kunneeniin hojiin bittaafi gurgurtaa karaa dijitaalaa baankichaan raawwatamu yeroo gara yerootti dabalaa jiraachuu eeraniiru.

Haaluma kanaan bara bajata kana ji’oota jahan darbanitti; karaa filannoowwan dijitaalaan bittaafi gurgurtaan miliyoonni 91 raawwatamuu himaniiru.

Kanaanis daddabarsi Birrii tiriliyoona 5.3 raawwatamuu ibsanii; kunis kara darbe yeroo walfakkataan yoo madaalamu dhibbeentaa 90 dabalata argamsiisuu dubbataniiru.

Baankiichi filannoowwaan dijitaalaa caalaatti babal’isuu fi tajaajiloota dijitaalaa haaraa dhiheesuuf hojjecha jirachuu himaniiru.TOI

NO COMMENTS

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Exit mobile version