Home Articles Hidhi  Laga  Gibee 1ffaan dargaggoota Aanaa Sokorruu qurxummii kiyyeessaniif biddeen baase.

Hidhi  Laga  Gibee 1ffaan dargaggoota Aanaa Sokorruu qurxummii kiyyeessaniif biddeen baase.

0

Godina Jimmaa Aanaa Sokorruutti Hidhi Laga Gibee Anniisaa elektiriikaa akka maddisiisuuf tolfame Bonaa Ganna Naannoosaa jiisee, dargaggooota qurxummii kiyyeessaniif bidden baase.

Itiyoophiyaan  madda lageenii Afriikaa ishee ijoo ta’uun maqaan leellifamtus hanga yeroo dhiwootti bu’aan irraa argatte maqaa qofa ture.

Boodana hojiin lageen hidhuun misoomaaf oolchuu eegalameen kuusaa lageenii kunneen horsiisa qurxummiif haala miijataa uumaa jira.

 Dargaggoonni Godina Jimmaa Aanaa Sokorruus kanneen hojii kanaan milkaa’aa jiran keessaati.  

Dargaggoo Kadir Abbaa Diggaafi Mohammad Abbaa Dilbii Ganda Unkurree naannoo Hidha laga    Gibee 1’ffaa jiraatu.

Lagni Gibee Anniisaa Elektiriikaaf  hidhamee  haroo   uumee keessatti qurxummii wali hore kiyyeessuun gabaaf dhiheessanii maallaqa horachaa jiraachuu himan.    Dargaggoonni kunneen yeroo ammaa  galii birrii miliyoona lamaa argachuu himan.

Hidha laga kanaatti qurxummii sanyii fooyyee horsiisuun Dargaggoota hedduuf ittiin carraa hojii uumuun hawaasa naannoof nyaata piurootiiniin badhaadhe dhiheessuuf hojjetamaa jiraachuu    Waajjira Carraa Hojii Umuufi Ogummaa Godina Jimmaa beeksiseera.    Lalisaa Geetaachoon

NO COMMENTS

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Exit mobile version