Atileetota Koolu-galtoota Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa Tookiyoo irratti hirmaatan keessaa tokko Faaridaa Abbaa Roggeeti.
Fariidaa Abbaa Roggee Jimmatti guddatte.
Fiigichaan alatti Kaaraateefi Kubbaa Miilaan beekamti. Kaaraateedhaan Qabattoo/saqqii Gurraacha(Blackbelt) qabdi.
Ta’us Umurii dargaggummaan jiruu baqaa filachuun gidiraa baay’ee dabarsite.
Haaluma kanaan ALA bara 2017 daandii dheeraa imaltee Karaa Sudaan gortee Ijjipti seenuun Kaampii baqattootaa galte. Achiin booda Liibiyaa keessatti hidhamuun jireenya abdii kutachiisaa dabarsite.
Jireenya bu`aa bayiin guutameen booda Kaampii baqattootaa Firaansi Kaabaatti argamu “Thal-Marmoutier” seenuun Magaalaa Istiraasbargi koolu-galtummaan jiraachaa turte.
Kunimmoo ALA bara 2023 Faawundeeshinii Koolu-galtootaa Olompiikii (ORF) irraa Carraa Iskoolaarshiippii Atileetii Koolu-galtootaa argatte.
Fariidaa Abbaa Roggee Leenjisaa isheef ramadame Jeeraardi jedhamuun erga leenji’uunis dorgommii eegalte.
Bu’uuruma kanaan ALA bara 2024 Shaampiyoonaa qaxxaamura Addunyaa Sarbiyaa Beelgireeditti dorgomamerratti hirmaatte.
Bara 2024 garee Atileetota Koolu-galtootaa Olompiikii Paariis irratti hirmaatan keessaas fageenya meetira 1500 hirmaatte.
Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa Jaappaan Tookiyootti dorgomamu irrattis Fariidaa Abbaa Roggee ni hirmaatti.
Lammummaa malee hirmaachuun miira addaa namatti hin uumu kan jette Fariidaan, yeroo dorgomtu illee waltajjii irra taa`uun akka hin eeyyamamneef himte.
Amma garuu akka waan lammummaa qabuutti natti dhagahama, garamitti akkan deemaa jiru beekas jette.
Sababiinsaas, amma akkuma nama kamiittuu dorgomaan jira; hojiin hojjedhuun qixas bilisummaan natti dhagahama, hojii kootiifis beekamtiin kennamuu eegaleera jechuun abdi-qabeettii ta’uushee himte.
Olympic.com wabeeffachuun Dassaaleny Sirnaatu Qindeesse.
