Home Oduu “TPLF murna faayidaa hawaasaa cinaatti dhiisee, fedhii aangoo isaaf sochu’uudha” Barsiisaa Isheetuu Andaashaa

“TPLF murna faayidaa hawaasaa cinaatti dhiisee, fedhii aangoo isaaf sochu’uudha” Barsiisaa Isheetuu Andaashaa

0

OBN Cyber Media’ Waxabajjii 17,2018

Murni  TPLF biyya saamaa ture har’as gurmaa’ee nageenya biyyaa booresuuf walii galtee piriitooriyaa diiguun ameenyummaa isaa kan mul’isuudha jedhan Barsiisaan Saayinsii Siyaasaafi Hariiroo Idil-addunyaa Yunivarsiitii Dambi Doolloo Isheetuu Andaashaa.

Gareen kun diinota seenaa Itiyoophiyaa waliin hidhata cimsachuun karoora Misoomaa biyyattiin qabatte danquuf kan kaayyeffate ta’uus himan.

Walii galtee piriitooriyaa booda ummanni Tigraay nageenyaafi misoomaaf hawwii guddaa qabaatus, Gareen kun hojiirra oolmaa isaaf danqaa guddaa ta’eera jedhan.

Murni badii kun har’as dargaggoota waraanaaf kakaasa jira kan jedhan Barsiisaa Isheetuun Mootummaan hawaasni idil addunyaa gocha badii isaa kana akka beekuuf cimsee irratti hojjechuu qabas jedhan.

Ummanni Naannoo Tigraay fedhiifi dheebuu Nageenyaafi Misoomaaf qabuun gocha badii garee kanaa dura dhaabbachuun irratti qabsaa’uu akka qabus dhaaman.

Iddoosaa Yoonaasiin

NO COMMENTS

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Exit mobile version