Hidhi haaroomsaa guddichi Itiyoophiyaa humna annisaa elektiriikii bishaanirraa Itoophiyaan maddisiiftu dachaan guddisa.
Waa’ee hidha Haaroomsaa dhimmoota kanneen beeknaa laata?
Itiyoophiyaan laggeen gurguddoo qabduun maqaa Water Tower ykn Kuusaa Bishaanii Afrikaa jedhamuun beekamti. Waggaatti biyyattiin qabeenya bishaanii yaa’u kiyuubiki Meetiri Biiliyoona 122 qabdi.
Laggeen Itiyoophiyaa keessaa maddan 97% bishaan gaarreen biyyattii keessaa maddan qabatanii gara biyyoota ollaatti yaa’u.
Kanneen 3% ta’an qofatu daangaa biyyaa keessatti dhaabbatu.
Laggeen Biyyoota ollaa Itoophiyaa gara Itiyoophiyaatti yaa’an hin jiran.
Kanaanis Itiyoophiyaan biyya bishaan arjoomtus jedhamti.
Itiyoophiyaan akka walii galaatti yaa’awwan bishaanii 12 akka qabdu ragaan Ministeera Bishaaniifi Inarjii Itiyoophiyaarraa arganne ni mul’isa.
Yaa’awwan Itoophiyaa keessaa inni guddichi Yaa’aa Sulula Abbayyaa yoo ta’u laggeen itti galan [yaatuu] 90 qaba. Waggaatti bishaan Kiyuubik Meetirii Biiliyoona 52 fi miiliyoona dhibba 6 oltu karaa yaa’aa kanaa darba jedha waraaqaan qorannoo marsaariitii Ministeera Bishaanii fi Inarjii Itiyoophiyaarraa argame.
Kanaanis Lagni Abbayyaa Abbaa Laggeenii jedhamee beekkama.
Itiyoophiyaan qabeenya bishaanii qabdurraa annisaa Elektiriikii bishaanirraa maddu Meggaa Waatti kuma 45 (45,000 MW) maddisiisuuf humna qabdi. Garuu dhugaan ija baasee mul’atu humna guddaa qabdu kana keessaa hamma xiqqaa qofa fayyadamuu ishiiti.
Waggaa 14 dura akka lakkoofsa Itoophiyaatti bara 2003tti pirojeektiin humna annisaa Elektiriikii laga Abbayyaarratti ijaaramuuf dhagaan bu’uuraa kaayame.
Hidhi haaroomsaa guddichi Itoophiyaa humna annisaa elektiriikii meeggaa waatti kuma 5 ol maddisiisuuf human kan qabu yoo ta’u Tarbaaniyoota 13 qaba. Waggaatti immoo pirojeektiin guddaan Itiyoophiyaanotaa kun Annisaa giigaa waatti kuma 15 fi 760 maddisiisuu danda’a.
Harri sababa hidhaa kanaatiin uumamu bishaan kiyuubik meetirii biiliyoona 74 qabachuu danda’a.
Kanaanis annisaa elektiriikaa maddisiisuun cinatti Hara nam-tolchee tajaajila diinagdee garagaraaf oolutu uumama.
Maddi faayinaansii Pirojektii kanaa ummata Itiyoophiyaa Bifaan, Saalaan, Amantii, Sabaafi Gosaan wal hin qoodneedha.
Akka ragaan marsaariitii Humna Annisaa Itiyoophiyaa agarsiisutti, ammarratti humni annisaa Elektirikii bishaanirraa maddu meeggaa waatti 4,460 ol yoo ta’u hidhi haaromsaa guddichi gaafa xumuramu annisaa bishaanirraa maddu dachaan dabala.
Ammarratti gosoota annisaa Itiyoophiyaan itti fayyadamaa jirtu keessaa 92% annisaa bishaanirraa maddudha.
Biyyoota Yaa’aa laga Abbayyaa jedhaman keessaa Itiyoophiyaan biyya olka’iinsa olaanaarratti argamti. Kunimmoo akka biyyeen salphaatti dhiqamee gara biyyoota yaa’aa gadiitti imalu godha.
Waggaa waggaan lagni Abbayyaa biyyee toonii miiliyoonaan lakkawamu qabatee gara biyyoota yaa’aa gadii geessa.
Hidhi Haaroomsaa Guddichi Itiyoophiyaa ijaaramuun immoo biyyee dhiqamee deemu 86%’n hir’isa. Kunimmoo akka hidhawwan Sudaaniifi Ijipti keessa jiran timaan hin guutamneefi balaarraa baraaraman godha.
Hidhi Haaromsaa Guddichi Itiyoophiyaa lolaa hamaa gara biyyoota yaa’aa gadiitti deemu hir’isuun miidhaa balaa lolaan dhufu hir’isa.
Annisaan Elektirikii Itiyoophiyaa Hidha haaroomsaa guddicharraa maddisiiftu biyyoota naannawaaf dhiyaachuun guddina waloof gumaacha.
Biyyoota yaa’aa gadii keessaa Sudaan ammayyuu Annisaa elektiriikii Itiyoophiyaarraa fayyadamaa jirti.
Bishaan Hidha haaroomsaa keessaa bahu to’atamaa waan ta’eef misooma qonnaa akka jallisiif ni oola.
Harri hidha haaroomsaarratti uumamu misooma qurxummii, turiizimiifi geejjiba bishaanirraaf ooluun madda galii ta’a.
Kan beekaa rafe yaamichi hin dammaqsu akka jedhamu Biyyoonni yaa’a gadii hinaaffaa Itiyoophiyaarraa qabaniin faayidaa hidhi haaroomsaa qabu dhagahuuf gurra dhaban. Gammachuu Fayyoon.
