Ayyaanota gurguddoo hordoftoonni Amantii Islaamaa kabajan keessaa tokko ayyaana Iid Ala Adahaati. Guyyaan kun guyyaa hordoftoota Amantichaa biratti akkaan jabaa ta’eedhaIid Ala Adahaa jechuun Ud-Hiyyaa ykn qalma jedhamurraa dhufe.
Ud-hiyyaan ykn qalmi erga salaatani deebi’aniin booda sirna qalmaa raawwatudha. Adahaa jechuunis salaataan booda waan qalamuuf waareefata jechuudha jedhan, itti gaafatamaan Mana Marii Dhimmoota Islamummaa Magaala Asallaa Sheek Abdulkariim Muhaammad Sheek Ahamd.
Ayyaanni kun akka lakkoofsa Hijiraatti ji’a isa dhumaa ji’a 12ffaa keessa kabajama.
Arafaan ammoo Ji’iin Zul-Hijjaa seenee guyyaa sagalaffaa irratti yookiin sirni Hajjii eegalee guyyaa lammaffaarratti (Iid al-Adahaa guyyaa tokko durseeti.
Arafaa jechuun beektee ykn qalbifatee jechuudha. Beektee’ ? yookiin ‘qalbeeffattee’? jechuun Afaan Arabaatiin ‘Arafta’? jechuudha. Arafaa jechi jedhu kunis jecha Afaan Arabaa kana irraa dhufe. Arafaan ammas bakka seenaa akka ta’es himu innis iddoo Nabiyyullaah Ibraahim Jibiriil irraa barnoota barateedha.
Malaayikaan Rabbii kun nama fakkaatee itti dhufee gahee Hajjii fi adeemsa isaa barsiise,” jedhan.
Jibriil bakka kanatti Nabiyyullaah Ibraahim wayita waa’ee Hajjii barsiisaa ture Nabi Ibraahimiin dhimma kana qalbeeffachuusaa adda baasuuf ‘beektee’? Jedhee gaafate. Eyyee beeke jedhe jedheen Nabi Ibraahim.”
Waa’ee Arafaa ilaalchisee yaada beektonni amantii Islaamaa (ulaamoonni) kaa’an kan biraan ammoo ”Nabiyyullaah Aadam fi Hawwaan jaannata bafamanii wayita gara dacheetti darbaman iddoo adda addaa qubatanii turan. Bakki isaan itti walargan dachee Arafaa (gaara Arafaa) kanarratti,” Achitti walarganii walbeekan waan ta’eef Arafaa jedhamee jedhan Sheek Abdulkariim Muhaammad.
akkasumas ammoo bakki kun dirree Muslimoonni addunyaarra jiran guyyaa tokkotti irratti walga’anii, achittis walbaraniidha ”kanarraa ka’uunis dacheen kun ‘Arafaa’ jedhamte,” jedhu.
Kabajni Ayyaana Iid al-Adahaa kun sirna Hajjii wajjin walitti hidhata qaba, Kanaaf, guyyoonni kurnan jalqabaa ji’a Zul-hijjaa (Arafaa) jedhama.
Utubaawwan/harkaana/Islaamummaa shanan hordoftoonni amantii Islaamaa dhugeeffatan keessaa tokko Hajjiidha.
Hajjiin akkaataa lakkoofsa Hijiraatti ji’a xumuraa keessa raawwatama.
Ji’iin 12ffaa fi inni xumuraa sirni Hajjii keessa raawwatamu kun Zul-Hijjaa jedhamuun beekama.
Ji’a kana keessa Muslimoonni addunyaa irraa Makkaatti walga’uun sirna Hajjii raawwatu.
Iddoon kun bakka walqixxummaan, kabajni, naamusii fi jaalalli itti calaqqisuu fi kadhannaa fi galateeffannaan qofti keessatti raawwatamuudha.
Muslimoonni addunyaa hunda irra jiran kan rabbiin laafiseefi dirree hajjii sana dhaqan sabaan, bifaan, sadarkaa hawaasummaa ,diinagdeen,fi aadaan osoo wal hin qoodin waggaatti yeroo tokko Makkaatti walga’u.
Achitti Ka’abaa duratti bahuun Rabbi qofa kadhatu jechuun ibsan Sheek Abdulkariim Muhaammad.
”Namni Muslima ta’e tokko yoo dandeettii qabeenyaafi qaamaa qabaate, sirna Islaamummaa shanan keessaa tokko ta’e hajjii jireenyasaa keessatti yeroo tokko raawwachuun dirqama,” jedhan.
Sirni namni danda’u hundinuu irratti argamu kun obbolummaa kan cimsuu fi dhalli namaa hundinuu Rabbi biratti walqixa akka ilaalamu kan calaqqisiisuudha.
Amantii Islaamaatti iddoo sirni Hajjii kanatti Qabeenyaan, saalaan, bifaa fi gulantaa hawaasaa keessaa dhufaniin wal qooduun gonkumaa hin jiru.
Hunduu uffata walfakkatu uffata. Kunis ”namuu uumaa fulduratti walqixa” hiikaa jedhu ibsa.
”Hunduu uffata adii irraa fi jalatti uffachuun kadhannaa (ibaadaa) raawwata.
Makkaan Muslimoota hunda biratti iddoo qulqulluu ta’uun amanama.Iddoo qulqulluu fi kabajaa kana Muslimni marti qulqulluu ta’eetiin seena.
Sheek Abdulkariim Muhaammad Ayyaanni Iid aladahaa wanti kabajamuu jecha rabbii guutuu, Ud-Hiyyaa qaluu ud hiyyaa kanas harka qal’eesssa kennuun kabajama
Ayyaanni Idi ala adahaa kun Makkaa qofatti kan raawwatamu osoo hin taane Muslimoonni addunyaarra jiran hundinuu bakka jiranitti Sirna Salaataa raawwachuun fi kadhaa Rabbii heddummeessuun dabarsuu qabu.
”Kadhannaan ji’a kana keessaa kan ji’a kaanirra gatii guddaa qaba.Kanaafuu warri Hajjii hin dhaabanne soomaan dabarsee guyyaa Iidaa ammoo waan Rabbi isaa kenneen, Ud-Hiyyaa qaluun kabajuu qaba jedhan”
Guyyaa Iidii Horii, Hoolaa fi Gaala Qaluun (ud-hiyyaa) sunna ykn dirqamaa miti kan jedhan Sheek Abdulkariim Muhaammad , ”garuu warra qaburratti dirqama (waajiba) ta’uu ulamoonni irratti waliigaluu himan.
Ud-hiyyaa qaluun duudhaa Nabiyyullaah Ibraahim hordofuun eessattuu, haala kam keessattuu ajaja Rabbii fudhachuu akka qabnu kan barsiisuudhas jedhan.
Kun seenaa Nabiyyulaah Ibraahim Ilmasaa akka qalu ajajni Rabbirraa itti darbe.Innis ajaja Rabbii waan ta’eef tarkaanfii ulfaataa fudhate. Rabbiin garuu hoolaa fidee bakka buusuun ilmasaa Ismaa’il oolche,” jechuun seenaa ud-hiyyaa qaluu yaadachiisan.
Har’allee Rabbitti dhihaachuu keenya mul’isuuf ud-hiyyaa qalla. Gatiin irraa argannu guddaadha jedhan.
Horiin ud-hiyyaaf qalamu kun karaa duudhaa amantii Islaamaa (shari’aa) eegeen ta’uu qaba jedhan.
”Maddi isaa halaala ykn horii karaa sirriin dhufee ta’uu qaba.Wayita qallus ammoo karaa shari’aan ajajuun ta’uu qaba.Horii fayya qabeessa, kan qaama guutuu ta’uu qabu, Dullacha yookiin kan umriin qalmaaf hin geene ta’uus akka hin qabne ajaja seerri amantichaa.
Ayyaanni kun guyyaa sadiif kan turu waan ta’eef guyyaa sadan kana keessatti ud-hiyyaa qaluufi ibaadaa godhachuun dabarsuun ni danda’ama jedhan.
Namni gara Makkaa imalee sirna hajji raawwate hunduu ”Haaji” jedhamuun akka waamamus eeran.
Akka dhugeeffannaa amantii Islaamaatti namni qixa sirrii ta’een sirna Hajjii kana raawwatee xumure; cubbuun irraa dhiqama jedhameeti amanama.Inuma gama kanaan akka daa’ima reef dhalattuutti deebi’eet cubbuuraa bilisooma.
Hordoftoonni Amantaa Islaama hundi baga ayyaana Id Al Adahaa bara 2017ttiin isin gahe jechuunis ergaa dabarsaniiru. Madiinaa Daddafoon
