Garbummaa hiddaan buqqifna dadhabnu ilmaan itti guddifna yaadama jedhuun leellifamu.Gootni darbus hojiinsaa boollaa ol jiraata; lolee gameessi guca gootota Baalee ta’e Jeneraal Waaqoo Guutuu qabsaa’ota kaleessaa xiiqessaa akka dungoo ifanii baquun dhaloota har’aaf seenaa dabarsan.
Gootni darbus seenaa gootaa rirmi hin nyaatu akkuma jedhamu, siidaan dhaloota gootomsuufi dilbii qabeenya uumamaa Paarkii Biyyoolessaa Gaarreen Baaleefi Holqa Soofumar calaqqisiisu handhuura Magaalaa Roobeeetti bocameera. Oolmaan goototaafi qabsaa’otaa keessoo isaaniitii kan dhikkisu Koloneel Aadam Duubees, warri marartee malee dabarsee of dhamaase bilisummaa qabsaa’eef guyyaasaa eeggatee dhaloota har’aa akka badhaase arguu miira xiiqiin ibsan.
Goota birmadummaaf wareegamuun guca eenyummaafi ofta’uu qabsiiseef siidaan seenaa bocame naatoo Magaalaa ta’uurra darbee, wayita ilaalan qixa hojii irrattti hirmaataniin bu’aa buusanii yaadatamuuf akka carraaqan dhaloota onnachiisaa jiraachuu, jiraattotarraa odeeffanne.
Labatni ammaa godaannisa qabsaa’ota darbaniirraa baratee leecalloosaa beekee guddina biyyaaf dhimmee akka hojjetuuf siidaa qor-qalbii qaree qabeenya uumamaa Baalee mul’isu bocuun dhaloota barsiisaa jiraachuu, Qindeessituu Garee sona aadaafi Aartii Waajjira Aadaafi Turiizimii Magaalaa Roobeee Aadde Makidaa Jeeylaanirraa odeeffanne.
Imalli qabsoo Jeneraal Waaqoo Guutuufaa wareegamaniif firii godhatee misoomaan utubamuunsaa Baaleetti jijjiirama addaa fidaa jiraachuus, Koloneel Aadam Duubee himaniiru.
Waaqgaarii Qana’aatu siidaa yaadannoo Jeneraal Waaqoo Guutuu Simboo Magaalaa Roobee ta’e daawwachuun qindeesse.
#Waaqoo-Guutuu #goota#hero#bale
