Home Oduu ‘Guyyoota itti aanaan haalli qilleensaa jiidhaafi duumeessa qabu bal’inaan ni jiraata’-Instiitiyutii Meetirolojii...

‘Guyyoota itti aanaan haalli qilleensaa jiidhaafi duumeessa qabu bal’inaan ni jiraata’-Instiitiyutii Meetirolojii Itiyoophiyaa

0

‘OBN Cyber Media’ Amajjii 05, 2017-Guyyoota itti aanaan naannawwaa adda addaatti haalli qilleensaa jiidhaa fi duumeessa qabu bal’inaan kan jiraatu ta’uu Instiitiyutiin Meetirolojii Itiyoophiyaa beeksise.

Akka Insitiitiyutichaatti guyyoota kurnan dhufanitti bakkeewwan muraasa jiddugala Bahas, Kaba bahaa, Kaaba lixaa akkasuma Naannaawwaa Kibba Lixa Itiyoophiyaatti haalli qilleensa jiidhaafi uuwwisni duumessaa bal’inaan kan jiraatu ta’uu beeksiseera.

Kunis naannolee biyyatti bakka hedduutti erga midhaan walitti qabameen booda hojii hojjetamuuf mijataa ta’uu eerera.

Haaluma kanaan Kibbi Oromiyaa, Sidaamaa, Kibba lixaafi Lixni roobaa salphaa hanga jiddugaleessa kan argatu ta’uu beeksiseera.

Haalli qilleensa bona gogaa, aduufi qilleensa qabu guyyoota itti aananis kan itti fufu ta’uu eerera. Keessattuu naannaawwaan oomishini Arfaasaa itti oomishamutti ooyiruu irraa haftee oomishaalee adda addaarra hafanii qulqullesuun barbaachisaa ta’uu hubachiiseera.

Guyyoota jalqabaa torban kanaa keessatti naannolee Kibba Itiyoophiyaa, baha, kaaba bahaafi giddugaleessa biyyattii tokko tokkotti jiidhinni sadarkaan xiqqaa ta’e ni jiraata jedheera. Kunis Naannoo Horisiise bulaafi gariin horiise bulaatti dhiyeessii nyaata beelladaafi bishaan dhugaatii fooyyessuu keessatti gahee gaarii ni qabata jedheera.

Inistiitiyuutichi ibsa baaseen naannaawwan oomisha ji’a arfaasaa dursanii jalqaban ooyiruu isaanii dafanii akka qopheeffataniif haala mijata kan uumu ta’uus ibseera. Amajjii 13 hanga 23/2017’tti haalli qilleensa bonaa gogaa, aduufi qilleensa qabu naannaawwaa biyyattii irra caalaan kan jiraatu ta’uu ibseera.TOI

NO COMMENTS

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Exit mobile version