
‘OBN Cyber Media’ Amajjii 05,2017-Deenmaark badhaadhina Itoophiyaaf deeggarsa hunda galeessa gumaachitu cimsitee kan itti fuftu ta’uu, Giiftiin Deenmaarik Beendikiit Astiriid beeksisan.
Af-yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Obbo Taggaasaa Caafoo waajjira isaaniitti Giiftii Deenmaark Bendikiit Astiriid simachuun waliin mari’ataniiru.
Marii kanarratti Giiftiin Deenmaarik Bendikiit Astiriid hojii misoomaa Itoophiyaan damee adda addaatiin hojjechaa jirtu dinqisiifataniiru. Biyyi isaanii hojii Itoophiyaan badhaadhina ishee mirkaneessuuf hojjechaa jirtuuf deeggarsa hunda galeessa kan taasisitu ta’uus himaniiru.
Afyaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Obbo Taagasee Caafoo gama isaaniin Deenmaark michuu Itoophiyaa bara dheeraa ta’uu hubachiisaniiru. Biyyoonni lamaan hariiroo dippilomaasii isaanii gama dinagdeetiin daran cimsuuf kan hojjetan ta’uus ibsaniiru.
Deeggarsa Deenmaark damee adda addaatiin gochaa turteefis galateeffataniiru.Mana Maricharraa odeeffanne