Home Oduu Godinichatti jallisiidhaan qamadiin lafa heektaara miiliyoona walakkaatti siqu misoomaa jira.

Godinichatti jallisiidhaan qamadiin lafa heektaara miiliyoona walakkaatti siqu misoomaa jira.

0

OBN Cyber Media Amajjii 06,2017- Godina Jimmaatti waggoota afuriin dura qamadiin gabaatti malee ooyiruurratti hin beekamu ture yeroo ammaa kana garuu bonuma kanaan ooyiruun godina Jimmaa misooma qamadii jallisiin guuteera. Godina kanatti yeroo ammaa lafti heektaarri kuma 400 caalu qamadiin irra misoomeera. Midhaan misoome kunis kunuunfamaa jiraachuu Ittigaafatamaan Waajjira Qonnaa Godina Jimmaa Obbo Tijjaanii Tamaam himaniiru. Aanaalee Godinichaa misoomni qamadii kun keessatti raawwatamaa jiru keessaa Aanaa Dedoo tokko. Qonnaan bultoonni aanichaas bu’aa misooma qamdii bonaa waan mi’eeffataniif baranas bal’inaan misoomsaa jiru. Shee Kadir shee Kaliifaafi Gaalii Abbaa Giddiii Godina Jimmaa Aanaa Dedoo Ganda Waaroo kolooboo keessa jiraatu , qamadii jallisiin misoomsuun erga irraa fayyadamuu eegalanii waggoonni afur durbu himu. Bara kanas Oomishinni qamadii toluufi galtee kunuunsa isaaf ta’u argachuun callaa gaarii abdachaa jiraachuus himu. Bulchaan Aanaa Dedoo, Obbo Fadiluu Zaakir, Qamadii lafa hektaara kuma 42 ol irratti jallisiin misoomeef galtee kunuunsaaf ta’u hunda dhiyeessuun hojjechaa jirra jedhan. Bulchaan Godina Jimmaa Obbo Tijjaanii Naasir, Insheetiiviin bahan jiruuf jireenya hawaasa keenyaa jijjiiraa jiraa jedhan. Badhaadhina maatii milkeessuuf hojiin eegalame cimeetu itti fufas jedhan. Abdii Rabbumaatu gabaase.

NO COMMENTS

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Exit mobile version