Gadaan Booranaa galma Dhawaa Maxxaarrii ijaaruun jila Dhawaa jilate.
OBN Cyber Media’ Amajjii 06,2017-Gadaan Booranaa bara Gadoomaa isaanii xumuruuf jiloota jilataman keessaa jilli galma Dhawaa Maxxaarrii isa tokko.
Jila kana jilachuuf galma Dhawaa Maxxaarrii jedhamu ijaaru. Galma kana keessatti meeshaa aadaa Maxxaarrii jedhamu qopheeffatu.
Maxxaarriin ibsituu gooroo gadooma marmaaranii xumuruuti. Kunis eebba namaaf sa’aa of keessaa qaba jedhan abbaan Gadaa Booranaa Kuraa Jaarsoo. Jila Dhawaa Maxxaarri keessatti Dhawaa gosa lamaatu jira: Dhawaa Sareetii fi Dhawaa bal’oo jedhamuun beekkamu. Jilli dhawaa Sareetii guyyaa jalqabaa kan jilatamu yoo tahu, kan Dhawaa bal’oo guyyaa itti aanu jilatama. Jila Dhawaa bal’oo kana jilachuuf miseensonni yaa’a gadaa qubsuma yaa’aa (Ollaa) irra yeroo 3 naanna’uun akka kanatti aanu jedhaa naanna’u. Gadayyoo…keessoo Gadaa dhawaa….keessoo Ka dhibaayyuu..keessoo Ka hormaataa…keessoo Gadaa roobaa…keessoo Gadaa quufaa..keessoo Ka gabbinaa…keessoo Gadaa haamaa…keessoo Ka ariiraa…keessoo jechuun waljalaa fuudhaa eebbifatu. Yeroo Dhawaaf naanna’an kana meeshaalee akka: Eboo, Baalgudaa fi lichoo qabatanii faana walii socho’u. Wanti jechaa deeman kun dhaadannoo fi eebba ofikeessaa akka qabu abbootiin Gada ni dubbatu. Gadaan Booranaa jila Dhawaa kana erga xumuraniin booda korma qaluun Muratu (Waaqa kadhatu) Yeroo muratanis akkas jedhu: Haay haay Waaqa Gadaa yaasi– Yaas Mataa lubaa bulchi—bulchi Dheengee urgeesssi—-urgeessi Collee urgeessi——-urgeessi Bokkaa roobsi——–roobsj Lafa sugeessi——sugeessi Duula uumi——-uumi Dannaba galchi—–galchi Nu kaayomsi——kaayomsi Nu gaaromsi——gaarmsi Jila obbaasi —–obbaas jechuun waljalaa fuudhaa muratu (Waaqa kadhatu) Ergasii guyyoottan itti aananiif dhubaayyuu (irreechaa) bahuu. Jiloota kana erga jilataniinii booda xumura gadoomaa kanaaf jiloota akka: Galma dhawaa Dhaamsaa fi kan baalliitu hafa.Magarsaa kabbadaatu gabaase.
