Bosona Iluu Abbaa Boor Oromiyaa
Roobni waggaa keessatti idileen ji’oota sagalii ol rooba.
Uummanni Oromoo Saglan Iluu duudhaasaa ganamaan biqilaa ol guddatu safuusaan kunuunsuun har’aan gahateera.
Bosona uumamaa jirus kunuunsuun, bunaafi mi’eessituuwwan mukeen jala dhaabuun irraa fayyadamu, akkasumas gaagura irratti hidhuun damma misoomsa hawaasichi.
Dabalataanis hojii ashaaraa magariisaa waggoota darban raawwatamaa jiruun qabiyyeen lafaa bosona godinichaa dabaleera.
Hawaasni Godinichaas kanuma dhugoomu
Bosona kana keessa buna uumamaatu jira; lageen gurguddoon Bonaa Ganna yaa’anis taliilasaaniitu didicha, mi’eessituuwwan gara garaas facaasaa namaa malee biqilu, mukeen gurguddoon daraaraan isaanii halaalaa nama waamus horsiisa kannniisaaf haala miijataa uumuun kannisni fagoo deemuun miidhaaf utuu hin saaxilamiin habaaboorraa nadhii guurtee damma dammeessiti.
Qabiyyee lafaa Godina Iluu Abbaa Boor keessaa heektaarri kuma 700 bosonatu irra jira; ragaa bara 2015 qindaa’een.
Godinni kun Bosona Uumamaa Yaayyoos walitti aansee bal’ina lafaa kuma 100fi kuma 76 irra jiru galmee Hambaaleen addunyaa UNESCO’tti galmaa’eera.
Walii galaan Bosona Iluu Abbaa Boor keessa gosa mukeenii garaa garaa 400 ta’an, sinbirroota argaafi sagaleensaanii dhaggeettiif tolan akkasumas bineensota gara garaan uumaadhaan faayameera.
Hojii walitti fufiinsaan xiyyeeffannaan biqiltuu dhaabuun kunuunsuu eegalameen uwwisni bosonaa Godinichaa harka 51 irraa gara harka 79 olitti guddachuu Bulchinsi Godina Iluu Abbaa Boor beeksiseera.
