Home Articles Bosona Oromiyaarraa galiin Birrii  biiliyoonni 1.5 argame.

Bosona Oromiyaarraa galiin Birrii  biiliyoonni 1.5 argame.

0

Madda Oksijiinii sirna hargansuu  lubbu qabeeyyii biyyaa keessaa harka olaanaa kan qabu bosona dachee Oromiyaarratti argamudha.

Qabeenya bosonaa Itiyoophiyaan qabdu keessaas harki 51 Oromiyaa keessatti argama ragaa Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Oromiyaarraa Argameen.

Kanaafis duudhaan kunuunsaafi eegumsa qabeenya uumamaaf  Oromoon   qabu gumaacheera.

Oromiyaan bosona lafa heektaara miiliyoona 4 ol irraa qabdi.

Kana keessaas harki 90 bosona uumamaati ragaa Dhaabbata Bosonaafi Bineensa Bosonaa Oromiyaarraa argameen.

Hojii  biqiltuu dhaabuu, lafa bosonaa ture daangeessuun kunuunsuu bara 2011 irraa eegalee raawwatameenis uwwisni bosonaa Oromiyaa harka 17 irraa gara harka 26.7’tti guddateera akka ragaa   Abbaa Taayitaa eegumsa Naannoo Oromiyaatti 

Akka ragaa Dhaabbata Bosonaafi Bineensa Bosonaa Oromiyaarraa argameetti   bara 2017 keessatti qofa Oromiyaan  bosonaafi bu’aa bosonaarraa birrii biiliyoona 1fi miiliyoona 500 argatteetti. 

Biqiltuu dhaabuufi kunuunsuun bu’aa olaanaa qabaachuusaafis kun agarsiiftuudha.

NO COMMENTS

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Exit mobile version