Godina kana Bosonni waan jiruuf waggaa guutuu jiidhatu jira.

Date:

Bosona Iluu Abbaa Boor Oromiyaa

Roobni waggaa keessatti idileen ji’oota sagalii ol rooba.

Uummanni Oromoo Saglan Iluu duudhaasaa ganamaan biqilaa ol guddatu safuusaan kunuunsuun har’aan gahateera.

Bosona uumamaa jirus kunuunsuun, bunaafi mi’eessituuwwan mukeen jala dhaabuun irraa fayyadamu, akkasumas  gaagura irratti hidhuun damma misoomsa hawaasichi.

Dabalataanis hojii ashaaraa magariisaa waggoota darban raawwatamaa jiruun qabiyyeen lafaa bosona godinichaa dabaleera.

Hawaasni Godinichaas kanuma dhugoomu

Bosona kana keessa buna uumamaatu jira; lageen gurguddoon Bonaa Ganna yaa’anis taliilasaaniitu didicha, mi’eessituuwwan gara garaas facaasaa namaa malee biqilu, mukeen gurguddoon daraaraan isaanii halaalaa nama waamus horsiisa kannniisaaf haala miijataa uumuun kannisni fagoo deemuun miidhaaf utuu hin saaxilamiin  habaaboorraa nadhii guurtee damma dammeessiti.

Qabiyyee lafaa Godina Iluu Abbaa Boor keessaa heektaarri kuma 700 bosonatu irra jira; ragaa bara 2015 qindaa’een.

Godinni kun Bosona Uumamaa Yaayyoos walitti aansee bal’ina lafaa kuma 100fi kuma 76 irra jiru galmee Hambaaleen addunyaa  UNESCO’tti galmaa’eera.  

Walii galaan Bosona Iluu Abbaa Boor keessa gosa mukeenii garaa garaa 400 ta’an, sinbirroota argaafi sagaleensaanii dhaggeettiif tolan akkasumas bineensota gara garaan uumaadhaan faayameera.

Hojii walitti fufiinsaan xiyyeeffannaan biqiltuu dhaabuun kunuunsuu eegalameen uwwisni  bosonaa Godinichaa harka 51 irraa gara harka 79 olitti guddachuu Bulchinsi  Godina Iluu Abbaa Boor  beeksiseera.

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Share post:

Subscribe

spot_imgspot_img

Popular

More like this
Related

“Paartiin Badhaadhinaa seenaa gara qabeenyaatti; hambaa gara duudhaatti jijjiire”- Obbo Tamasgeen Xurunee.

‘OBN Cyber Media’ Guraandhala 03,2018 Paartiin Badhaadinaa mata duree “...

Haaromsi Aadaa injifannoo Oromoo ceesisudha!

‘OBN Cyber Media’Guraandhala 01,2018 Oromoon sadarkaa gaanfa Afrikaatti saba guddaa...

“Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya diinagdeen gahoomsa”-Obbo Namarraa Bulii.

‘OBN Cyber Media’ Amajjii 29,2018 Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya aara...

“Buusaa Gonofaan duudhaa namoomni ittiin calaqqisiifamuufi jireenyi guyyuu ittiin qajeelfamudha”-PMNO obbo Shimallis Abdiisaa.

Oromoon falaasama sirna Gadaa ijaareen jaarmiyaalee seeraafi sirnaan guutamanii...