Misoomni Qonnaa qindaa’aan Itiyoophiyaan waggoota darban hojjette agarsiistuu mirkaneeffannaa Wabii nyaataa ta’uu,Yuunivarsiitii Kolleejjii Qonnaa Jimmaatti Barsiisaafi itti gaafatamaan Muummee qabeenya uumamaa Dr. Xibabuu Alamuu himan.
Qonnaan bulaan kaleessa waggaatti yeroo tokko oomishu yeroo ammaa waggaatti yeroo sadii oomishuun wabiin nyaataa mirkanaa’uu akka danda’u agarsiisas jedhan.
Insheetiiviiwwan bahan Misooma Ruuzii, Abukaadoo, qamadii jallisiin oomishamuufi Qonni qindaa’aan jiraachuun Wabii nyaataa kan mirkaneessuus jedhan.
Itiyoophiyaan gargaaramuurraa gara oomishtummaatti ce’uun bu’aa jijjiramni fide ta’uus eeran.
Yaa’iin Mirkaneeffannaa Wabii nyaataa Biyyoota Gamtoomanii Itiyoophiyaatti taa’amaa jirus Muuxannoofi sirni wabii nyaataa biyyattii mirkanaa’aa jiraachuu mullisaa jedhan.Abdii Rabbumaan
