Home Aadaa Dinqisiisoo Dubartiin viidiyoo qoosaa waraabuuf harkashee afaan kaadhimaasheetti galchite, afaan boollaan isa geessee...

Dubartiin viidiyoo qoosaa waraabuuf harkashee afaan kaadhimaasheetti galchite, afaan boollaan isa geessee oolte.

0

Chaayinaatti dubartiin viidiyoo qoosaa waraabuuf harkashee afaan kaadhimaasheetti galchite, afaan boollaan isa geessee oolte.

Irra jireessaan taateen baargamaa odeeffamtu waan ijaaf gurra namaatti ajaa’iba ta’u qabdi.

Chaayinaatti dubartiin tasa harkashee afaan kaadhimaashee keessa galchite harkishee afaan isaa keessatti hafuun gudii isaan godhe.

Viidiyoon taatee kana agarsiisu miidiyaa hawaasaarratti baay’inaan qoodamuunis namoonni ajaa’ibsiifatanii harkaan afaan  qabachaa jiru.

Dubbiin akkana. Akkuma hiriyoonni gaa’elaa baay’een viidiyoo garaagaraa waliin waraabuun miidiyaa hawaasaarratti maxxansan, isaanis viidiyoo akkanaa hojjechuun beekamu.

Maarree dubartiin kun, qoosaaf jecha harkashee afaan kaadhimaashee keessa galchuun viidiyoo waraabuuf yaalti.

Haata’u malee dubbiin garaaf dugda ta’uun, harkishee afaan isaa keessatti ciniinamee hafe. Dubartiin kun harkashee afaan isaa keessaa baasuuf irra deddeebiin yaaltus gonkumaa milkaa’uu hin dandeenye.

Sana booda, isheen akkuma ciniinamtetti; innimmoo harkashee akkuma ciniinetti gara dhaabbata fayyaa naannoo isaanii jiruutti walqabatanii sokkan.

Imaltoonni karaatti taatee kana argan dinqisiifachaa bilbilasaaniin suuraa kaafachuu eegalan.

Fuullikaadhimaashee diimatera. Afaan isaa cufachuu waan hin dandeenyeefis gorora coccobsaa  deema. Isheen ammas abdii hin kutanne, karaarrattillee harkashee afaan isaa keessaa baasuuf carraaqxi. Garuu ammas milkaa’uu hin dandeenye. Haala kanaan Hospitaala Jiiliin jedhamu yoo gahan, ogeeyyiin fayyaa taaticha ajaa’ibsiifachaa wanta uumame baruuf ariifatan.  Kan dursu garuu rakkoo isaan mudate furuu waan ta’eef gara wal’aansaatti galan.

Yaala duraa daqiiqaa 20 fudhateen booda, ogeessi fayyaa hospitaalichaa harkashee afaanumasaa keessatti suuta nanaannessuun keessaa baase. Dubartiin kun, ”Yeroon harka koo afaan isaatti galchee viidiyoo waraabuuf jedhu harki koo akka waan maashinni foon daaku na qabeetti ciniinamee hafe” jette.

Ogeessi fayyaa rakkoo isaan mudate kana fure akka jedhetti, battala isheen harkashee afaan hiriyaa gaa’elaa isheetti galchittetti maashaaleen qaaruu isaa kottoonfatan. Kunis afaan isaa akka hin banne gochuun harkashee afaan isaa keessatti ciniinee hambisee ofiifis akka ukkaamamu isa taasisuu hime.

Quufan malee hin utaalan; utaalan malee hin caban jedhee inni Oromoon mammaaku isa akkanaatiifi mitiiree! ‘Oddity Central’rraa odeeffanne!

NO COMMENTS

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Exit mobile version