Kilabiin Bulchiinsa magaalaa Shaggar dursee hirmaannaa Piriimiyeer Liigii Itiyoophiyaa bara 2018 mirkaneeffate
‘OBN Cyber Media’ Bitootessa 16, 2017-Marsaa 2ffaan Liigii Olaanaa Itiyoophiyaa ramaddii A magaalaa Hawaasaatti dorgomamaa jira.
Torbee 18ffaa liigichaan kilabiin Bulchiinsa magaalaa Shaggar goolii 5fi 1n Bulchiinsa magaalaa Injibaaraa injifate. Sadarkaa 2ffaarra kan jiru kilabiin Buna Beenchimaajii qabxii 32 waan qabuuf kana booda Shaggar bira gahuu hin dandahu.
Kanaaf, Shaggar osoo taphoonni afur hafuuf dursee hirmaannaa Piriimiyeer Liigii Itiyoophiyaa bara 2018 mirkaneeffateera.Turee Gannaatiin.
