
‘OBN Cyber Media’ Bitootessa 16, 2017-Buusaan Gonofaan Magaalaa Shaggar yaa’ii idileesaa taa’eera.
Itti gaafatamtuun Buusaa Gonofaa Magaalaa Shaggar, Aadde Warqinesh Miidhagsaa, barana xiyyeeffannaa addaa kennuun hojii hojjetameen miseensota 451,363 horachuun buusii miseensummaarraa galiin Birrii miiliyoona 70 ol walitti qabuu himan.
Gumaata Buusaa Gonofaan ammoo Birriin miiliyoona 100fi miiliyoona 30 ol walitti qabameera jedhan.
Nyaata barattootaatifiis Birriin miliyoona 400fi miiliyoona 80 ol walitti qabamuufi midhaan kuntaala kuma 12 walitti qabamuu eeran.
Buusaa Gonofaan Magaalaa Shaggar hanga yoonaatti miseensota miiliyoona 1 ol harachuus yaadachiisan.
Yaa’iicharratti kan argaman Kantiibaan Magaalaa Shaggar Tashoomee Addunyaa (PhD), bulchiinsi magaalichaa Buusaa Gonofaa sirneessuun hojii jajjabeessaa hojjechuu isaa eeruun, hojii jalqabe kana cimee kan itti fufu ta’uus dubbatan.
Hogganaan Buusaa Gonofaa Oromiyaa,Obbo Mahaammad Juundii, mootummaan jijjiramaa jecha gara gochaatti jijjiruun uummanni duudhaa isaa ganamaa akka cimsatuuf haala mijataa uumeera jedhan.Girmaa Hundeetu gabaase