Alaabaafi faaruun Gamtaa Afrikaa yeroo ammaa dhageettii gonfate kalaqaafi ashaaraa ilmaan Oromoo Yaadasaa Booji’aafi Looreet Tsaggaayee Gabramadin Qawweessaa gumaachan ta’uu meeqan keenyatu beeka?
Yaa’iin idilee dureewwan Gamtaa Afrikaa 38ffaa tibbana Finfinnee ko’omsaa jira. Gamtaa Afrikaa hundeessuurraa jalqabee hanga alaabaafi faruusaa wixineessuutti gumaachi Itiyoophiyaa adda durummaan dhaadheffama.
Alaabaan calaqqee biyyootaafi jaarmiyaalee garaa garaa bifa addaan kan ibsu yoo ta’u, gaafa faaruun dabaalamummoo naatoo qabaachuun naasifata.
Haaluma kanaan Gamtaan Afrikaa har’aa kun mallattoo mataasaa qabaachuun bareedee tokkummaa lammiilee Afrikaas akka ibsuuf ashaaraan ilmaan Oromoo laboobee mul’ataa jira.
Alaabaa yeroo ammaa Gamtaan Afrikaa itti tajaajilamaa jiru dizaayini/saxaxa isaa kan hojjete ilma Oromoo magaalaan Amboo addunyaaf gumaachite Artisti Yaaddessaa Zawugaa Booji’aati. Yaaddesaa Booji’aa nama uumaan ogummaa garaagaraan badhaase yoo ta’u weellisaa, ogeessa fakkiifi Dizzaayinara Giraafiksiiti.
Ogummaa qabutti fayyadamuunis qabsa’aa mirga dhala namaaf ta’uun hojjeta.
Hojiiwwan giraafiiksii inni hojjete keessaas Alaabaan Gamtaa Afrikaa yeroo ammaa addunyaarratti olka’ee mirmirfamaa jiru ragaadha.
Alaabaa inni hojjetes hojii dizaayinaroota guutuu addunyaa 116 keessaatti dorgomee kan injifate. Artisti Yaaddeesaa Booji’aa akka injifadhu kan godhe, halluun alaabaarra jiru magarsiini Afrikaan qabeenya uumamatiin badhaatuu ta’uu isii mul’isa, urjiileen alaabaa sanarra jiran ammoo biyyoota Afrikaa 55 kan bakka bu’an yoo ta’u, aduun ammoo Afrikaan kolonii jalaa baatee ofiin of bulchaa jiraachuu isii waan mul’isuufi” jedhe.
Dorgommiin sun dizzaayina alaabaa Gamtaan Afrikaa hojjatee injifachuun Doolaara kuma 10 argachuun maddiitti, hoggantoota biyyoota Afrikaa 54 waliin wal arguuf carraa uumuufii kan dubbate artisti Yaaddeesaa Booji’aa doolaara argate caalaa seenaa hojjatetti akka boonu hime.
Dizzaayina alaabaa Gamtaa Afrikaa kanas rakkoo lammiilee Afrikaa keessa ture irraa ka’uun, Afrikaa tokko taatee muldhachuu qabdu muldhisuuf hojjachuu ibse.
Artist Yaaddeesaa Booji’aa Sirbi qeenxee mata duree ‘Fiqir Yisxen’ ykn ‘Jaalala nuuf haa kennu’ jedhuun wellises fudhatamummaa gaarii argachuu himuun, lammiileen Afrikaa yeroo hedduu tokkummaafi jaalalli gidduu isaaniitti akka bu’uuf nama leellisuufi tokkummaa Afrikaafis nama gumaachedha.
Walaloo faaruu gamtaa Afrikaa kaleessaafi har’aa kanas kan barreesse hayyuu Oromoo, Looreet Tsaggaayee Gabramadin Qawweessaati.
Looreet Tsaggaayee Gabramadin, Mataduree Itiyoophiyaan Gamtaa Afrikaatiif maal gumaachite jedhuun qoratee qindeesuun dubbistoota isaatiif dhiyeessee akka ture Yuunivarsiitii Ambootti, ragaan Wiirtuu Qo’annoofi Qorannoo aadaa Looreet Tsaggaayee Gabramadin irraa arganne ni muldhisa.
Faayidaa faaruufi loogoon biyya tokkoof qaburraa ka’uunis Walaloo barreesse.
Walaloo barreessuu keessatti Afaan, duudhaafi falaasamni keessatti guddatanis daran murteessaadha. Looreet Tsaggaayeenis walaloo kana akka barreessu kan isa onnachiise afaan, duudhaa, falaasama, aadaa, siyaasaafi seenaa Oromumma keessoo isaatii dhikkisurraa ka’eeti. Bu’uuruma kanaan walaloo faaruu Gamtaa Afrikaa kan barreesse ta’uutu himama.
Fakkeenyaaf Walaloo Faaruu Gamtaa Afrikaa sarara jalqabaa “Let us all unite and celebrate together” jedhu yoo ilaalle waa’ee tokkummaa kan faarsuudha. Waliin taanee tokkummaan haa kabajannu jedha. Walaloon inni barreesse kaayyoo Gamtaan Afrikaa dhaabbateefis bakka bu’a.
Buufanni itti aanus The victories won for our liberation” kan jedhu yoo ta’u, tokkummaafi bilisummaan kan eegamu lafeefi dhiiga lammiilee Afrikaatiin ta’uu kan eeruudha. Buufanni sadaffaan “Let us dedicate ourselves to rise together” jedha. Kunis yaadama akka Afrikaatti wantoota hundaaf waliin dhaabachuufi waliif dhaabachuun akka barbaachisu agarsiisudha.
Kan itti aanus (To defend our liberty and unity, sons and daugthers of Africa) Ilmaaniifi shamarran Afrikaa bilisummaafi tokkummaasaaniif akka eeggatan kan onnachiisuufi barsiisudha. Birmadummaa Afrikaa qofas osoo hin taane kan warra kaaniis ni akeeka. Afrikaan teessoo ykn bu’uura jireenya dhugaa ta’uu isiis walalichi of keessatti hammateera.
Walumaa galatti walaloon faaruu Gamtaa Afrikaaf Looreet Tsaggaayee Gabramadin Qawweessaa, barreesse tokko haa taanu, waloon haa dhaabbanu, wal qooduus haa dhiifnu, mul’ata waliiniis haa qabaannu yaada jedhu of keessaa qaba.
Egaa alaabaan magariisummaa, walooma biyyoota Afrikaafi birmadummaashee mul’isus ta’e faaruun tokkummaafi abdii lammiilee akkasumas lammiileen Afrikaa kutannoo akka qabaatan onnachiisu kun oolmaa ilmaan Oromoo Afrikaaf oolan ta’uusaa ragaan kuusa OBNfi Marsariitii Gamtaa Afrikaarraa arganne ni mul’isa.Madiinaa Daddafoon.
