OBN Cyber Media Guraandhala 05,2017-Riifoormiin dhaabbatummaa gamtichaa jijjirama bu’uuraa akkaataa fiduun raawwatamaa jira- Dura taa’aa Gamtaa Afrikaa Muusaa Faakii Mahaammat
Dura taa’aan Gamtaa Afrikaa Muusaa Faakii Mahaammat walgahiin idilee mana maree hojii raawwachiisaa gamtaa Afriikaa 46ffaa Finfinneetti taa’amaa jirurratti ergaa dabarsaniin rifoormiin dhaabbatummaa gamtichaa jijjirama bu’uuraa akkaataa fiduun raawwatamaa jira jedhan.
Bara gamtaa Afriikaa dura taa’aa ta’uun tajaajilanitti dinagdeen keessummaa ammoo damee qonnaafi dameewwan hawaasummaan hojiiwwan tokkummaa Afriikaa cimsan hojjetaniiru.
Hojiisaanii riifoormii dhaabbatummaa Afriikaa dabalatee hojiiwwan riifoormii barasaanii hojjetaman jijjiirama qabatamaa galmeessuusaanii ibsaniiru.
Riifoormiin dhaabbatumma gamtaa Afriikaa jijjiirama bu’uraa karaa fiduun raawwatamaa akka jiru mirkaneessaniiru.
Gama biraatiin nageenyiifi tasgabbiin Afriikaa ammallee dhimma xiyyeeffannoo barbaadu akka ta’e kaasaniiru.
