Hojiirra oolmaa murtoowwanii fi kallattiiwwan paartiin Badhaadhinaa yaa’ii isaa 2ffaatiin dabarseef xiyyeeffannaa ol’aanaadhaan hojjetamaa akka jiru hogganaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa,Obbo Kaffaaloo Tafarraa ibsan.
‘OBN Cyber Media’ Guraandhala 10/2017: Paartiin Badhaadhinaa raawwatiinsa murtoowwan yaa’ii isaa tokkoffaatiin dabarse gadi fageenyaan erga qorateen booda, murtoowwan jajjaboo injifannoon roga hundaan galmaa’aa caalmaatti fulla’iinsaan mirkaneessuu danda’u dabarsuu isaa eeruun, raawwatiinsa murtoowwanii fi kallattiiwwan kanaatiin galmoota siyaasaa, dinagdee, hawaasummaa fi hariiroo alaa sagantaa Paartii Badhaadhinaatiin akeekaman dhugoomsuuf kan hojjetamu ta’uu Obbo kaffaaloon ibsa miidiyaaleef kennaniin hubachiisaniiru.
Bu’uura murtoo yaa’ii 2ffaatiin paartii cimaa ijaarsa mootummaa fi biyya cimaaf utubaa ta’e ijaaruuf xiyyeeffatamee kan hojjetamu ta’uu kan ibsan Obbo Kaffaaloon milkaa’iina kanaafis, qulqullinaa fi gahumsa hoggansaa foyyeessuurratti fuulleeffatmee akka hojjetamu ta’uu hubachiisan.
Rakkoowwan qulqullina ilaalchaa fi raawwatiinsa hojimaataatiin walqabatee mul’atan bu’uurarraa hiikuufs sirni to’annaa fi inispeekshinii cimaan akka jiraatuuf ni hojjetama jedhan.
Ijaarsa seeneessa waloo fulla’insaan mirkaneessuun biyya maraamartoo waldhabdee keessaa baatee tokkummaan biyyaaleessaa ishii dhugoome ijaaruuf murtoo yaa’iin lammaaffaa Paartii Badhaadhinaa dabarse milkeessuufis ciminaan kan hojjetamu ta’uus ibsaniiru.
Dhugoomina murtoo kanaafis, marii hawaasa bala’aa, hayyoota fi hawaasa naannolee ollaa waliin walitti fufiinsaan taasifamuun ijaarsa seeneessa walootiin tokkummaa biyyaa fi ummata keenyaa cimsuurratti walhubannaan uumamaa akka deemu beeksisan.
Nageenya eeyyentaawaa bu’aa qabeessa ta’e mirkaneessuudhaafis, waldhabdee garaagarummaa ejjennoo siyaasaarraa maddu, karaa nagaa fi ilaaf ilaameetiin qofa furuun aadeeffatame akka itti fufu taasisuuf kan hojjetamu ta’uu Obbo Kaffaaloon ibsa kennaniin mirkaneessaniiru.
Kun akka eegametti ta’ee, Nageenya waaraa fulla’iinsaan dhugoomsuuf hirmaannaan ummataa akka cimu, dandeettiin raawwachiistummaa qaamolee haqaa akka dabaluu fi ol’aantummaan seeraa akka mirkanaa’u taasisuun ummanni keenya nagaan bahee akka galu xiyyeeffannaa ol’aanaadhaan kan hojjetamu ta’uu akeekaniiru.
Gahumsaa fi bu’aa qabeessummaa damee haqaa mirkaneessuun dheebuu haqaa ummanni qabu fulla’iinsaan guutuuf murte darbe dhugoomsuuf xiyyeeffannaan akka hojjetamu ibsaniiru. Kanaafis, bilisummaan qaamoolee haqaa gaafatamummaa seeraan taa’e waliin madaala eegee akka deemu, sirni haqaa ammayyaa’aan teeknoloojiin deeggaramee fi si’ataan akka diriiru taasisuun amantaa ummanni keenya sirna haqaarratti qabu dabaluuf ni hojjetama jedhan.
Ijaarsa biyyaa cimsuun murtoo yaa’iin dabarse ilaalchisees, dhaabbilee ciccimoo fi walaba ta’an ijaarurratti fuulleeffatamee akka hojjetamu, manneen barnootaa iddoo aadaa fi duudhaan obbolummaa fi obboleetummaa, waldanda’uu fi jaalalli biyyaa itti dagaagu taasisuuf akka hojjetamu, heddumminni ilaalcha siyaasaa carraa malee madda waldhabdee ta’uu akka hin dandeenye aadaa dimokraasii gabbisuurratti xiyyeeffatamee akka hojjetamu hubachiisaniiru.
Guddina dinagdee si’ataa fulla’insaan mirkaneessuuf murtoo yaa’iin dhabbatummaa 2ffaa Paartii Badhaadhine dabarse ilaalchisees, akka naannoo Oromiyaatti injifannoowwan dinagdee murtoo yaa’ii tokkoffaa hodofee galmaa’aan caalmaatti bu’aa qabeessaa fi kan fayyadamummaan ummataa keesaatti mirkanaa’e taasisuuf, xiyyeeffannaan akka hojjetamu beeksisan.
Kanaafis, galmoonni dinagdee gooroo akka dhugooman, riifoormiin dinagdee jalqabe fulla’insaan bu’aa qabeessa akka ta’u, oomishaa fi omishtummaa, al ergii guddisuu, inisheetivoota misoomaa bu’aa qabeessummaan isaanii mirkanaa’e caalmaatti babal’isuu fi hirmaannaan ummataa misooma keesaatti akka dabalu kan hojjetamu ta’uu hubachiisan.
Hojiiwwan Badhaadhina Hawaasummaa bu’aa qabeessa taasisuun walqabatee murtoo paartiin dabarse karaa dhaloota qaamaafi sammuun fayyaaleesaa ta’e uumuu dandeessisuun hojiirra oolchuuf xiyeeffatamee akka hojjetamus Obbo kaffaaloon beeksisaniiru.
Dippiloomaasiin biyya keenya qaaneffannaa keessaa bahee fulla’iinsaan dhiibbaa uumaa akka deemu dantaa biyyaaleesaa fi kabaja lammiilee kan mirkaneesse akka ta’u, gaaffiin balbala galaanaa jalqabame qajeeltoo dippiloomaasii nagaatiin mirkanaa’aa akka deemu taasisuuf murtoon paartiin dabarse akka milkaa’u deeggarsaa fi tumsi hunda galeessi ni taasifamas jedhan
Dhumarrattis hojiin miidiyaa fi kominikeeshinii amala addunyaa dhugaan boodaa fi guddina teekinoloojiin walmadaalu ijaarsa biyyaa fi seeneessa walootiif akka oolu murtoo darbe xiyyeeffannaa ol’aanaadhaan raawwachuuf akka hojjetamu ibsuun, raawwatiinsa murtoowwanii fi kallattii yaa’ii dhaabbatummaa 2ffaa paartii Badhadhinaaf, qaamoleen hawaasaa hundi, addatti ammoo miseensoonnii fi hoggantoonni Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa tumsa walirraa hin cinne akka taasisuu qaban dhaamsa dabarsaniiru.
