‘OBN Cyber Media’ Waxabajjii 17,2018
Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa ajandaawwan yaa’ii marii biyyaalessaa Adoolessa 8,2018 irraa eegalee taa’amuuf dhiyaatan ifoomseera.
Komishinarri Komishinii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Pirofeesar Masfin Ar’aayaa, ajandaawwan yaa’ii marii biyyaalessaaf adda bahan 8 Galma Injifannoo Adwaatti ifa taasisaniiru.
Ajandaawwan adda bahan kunneenis;
1 Ijaarsa biyyaa
2. Gurmaa’insa Mootummaafi bifasaa, Sirna Siyaasaafi Filannoo
3. Magaalota federaalaa
4. Dhimmoota amantii
5. Ijaarsa dhaabbilee, olaantummaa seeraafi dhimmoota namoomaa
6. Dhimmoota hawaas- dinagdee akkasumas Horsiisee bultootaafi Qonnaan bultootaa
7. Malaammaltummaafi bulchiinsa gaarii fi
8. Ijaarsa nageenyaa ta’uu ibsan.
Komishiniin Marii Biyyaalessaa adeemsa hunda hammataafi hirmaachisaa ta’een ajandaawwan biyyaalessaa adda baaseera jedhan, Komishinarri Ol’aanaan Komishinii Marii Biyyaalessaa Pirofeesar Masfin Aar’aayaa.
Ajandaawwan Saddeettan kunneen yaa’ii Adoolessa 8, 2018 sadarkaa biyyaalessaatti Finfinneetti taa’amurratti dhiyaachuun kan irratti mari’atamu ta’uu himan.
Sirnicharratti jaarsoliin biyyaa, abbootiin amantii, abbootiin gadaa, haadholiin siinqeefi keessummoonni biroon argamaniiru.
