‘OBN Cyber Media’ Waxabajjii 18,2018
Sagantaan Ashaaraa Magariisaa Riqicha Kaleessaafi Boru gidduutti diriirfame, meeshaa Dinagdee Magariisaa Ijaaramuuf bu’uura kaa’eedha.
Galmi gama misooma dinagdee ijaaruun qabame hojii Ashaaraa Magariisaa cimsuudhaan dinagdee magariisaa itti fufiinsa qabu ijaaruudha.
Yaadamni misooma dinagdee magariisaa yaadama riifoormii dinagdee mandhalee hojiirra oolaa jiruufi dhiibbaa jijjiirama qilleensaa addunyaa dandamachiisaa jiruudha.
Dinagdee magariisaa jijjiirama qilleensaa dandamatu ijaaruu keessatti tarkaanfiiwwan fakkeenyummaa qaban, akka biyyaafi naannoo Oromiyaatti fudhatamuun itti hojjetamaa jiru.
Tarkaanfiiwwan kana keessaa hojiin Ashaaraa Magariisaa isa tokkoofi iddoo olaanaa kan qabuudha.
Hojiin ashaaraa magariisaa dhaabbii biqilaafi jijjiirama qilleensaa dandamachiisuurra darbee yaadama dilbii imala gara duudhaa ofiitti deebi’uuf taasifamu kan utubuu dha.
Uummanni Oromoo uummata safuu qabu, kan muka jiidhaa akka arge hin murree dha. Muruun isaa dirqama yoo ta’e beekumsaan adda baasa.
Ol adeemaa hin muru. Kan murus bakka buusa. Safeeffannaafi duudhaa akkanaatiin lalisummaa biyyaa dhalootaaf dhaalchisanii darban. Haa ta’u malee, dhawaata keessa dhiibbaa uumamaafi nam-tolcheetiin safuu kanarraa maqamaa waan dhufameef baroota dheeraaf gaabbiin jiraachuuf dirqamnee turre. Tarkaanfiin mootummaa jijjiiramaan fudhatame seenaa kana bu’uurarraa kan jijjiire, safuus uummataatti kan deebise, humna dilbii uummata keessa jiru beekuu, hoogganuu, sirnoomsuufi dhaalchisuun gaaffilee hedduu kan deebise jedhamee fudhatamuu danda’a.
Sagantaan kun riqicha kaleessaafi boru gidduutti diriirfame, gama tokkoon carraa bilisummaa kaleessaa sana kan deebiseefi gaabbii keessaa kan itti baanu, dhaloota seenaa abboota keenyaa itti fufsiisu ta’uu kan mirkaneessedha.
Gama biraatiin meeshaa dinagdee magariisaa ijaaramuuf bu’uura kan kaa’e, humna waloo ummata keessa jiru hojiitti kan hiike, carraa hojii kan babal’isuu fi yaadamni duudhaa ganamaa irraa madde sirna ummataa akka ta’uu danda’u kan dhugoomsedha.
Kana malees, sagantaan Ashaaraa Magariisaa bosonaafi qilleensa bakkatti deebisuufi dhiqama biyyoo ittisuu bira darbuudhaan fudhatamummaafi dhiibbaa addunyaa irratti uumeen biyyoota ollaa kan hammatefi dinqisiifannaa guddaa Idil-Addunya sadarkaa olaanaan yaadama argateedha.
Hojiiwwan hanga ammaatti hojjetamaa jiruun bosonni sadarkaa olaanaan akka dabalu taasisuun dargaggoonni misooma dammaafi horsiisa loonii irratti bal’inaan akka bobbo’an taasisuun madda galii guddaa ta’aa dhufeera.
Ganna bara 2018/2019 kanas biqiloota gosa garagaraa akka biyyaatti biliyoona 8 ol dhaabamuuf karoorfaman keessaa Oromiyaatti biqiltuuwwan gara garaa biliyoona 5.3 sagantaa ashaaraa magariisaafi idileen dhaabamuuf karoorfamee hojjetamaa jira.
Hawaasnis sagantaa ashaaraa magariisaa kanarratti dammaqinaan hirmaachuun qoodasaa bahuu qaba.
