“Ajandaawwan biyyaalessaa, adeemsa hunda hammataafi hirmaachisaa ta’een adda ba’eera.”- Pirofeesar Masfin Aar’aayaa

Date:

‘OBN Cyber Media’ Waxabajjii 17,2018 ​

Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa ajandaawwan yaa’ii marii biyyaalessaa Adoolessa 8,2018 irraa eegalee taa’amuuf  dhiyaatan ifoomseera.

Komishinarri Komishinii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Pirofeesar Masfin Ar’aayaa, ajandaawwan yaa’ii marii biyyaalessaaf adda bahan 8 Galma Injifannoo Adwaatti ifa taasisaniiru.

Ajandaawwan adda bahan kunneenis;

1 Ijaarsa biyyaa

2. Gurmaa’insa Mootummaafi bifasaa, Sirna Siyaasaafi Filannoo

3. Magaalota federaalaa

4. Dhimmoota amantii

5. Ijaarsa dhaabbilee, olaantummaa seeraafi dhimmoota namoomaa

6. Dhimmoota hawaas- dinagdee akkasumas Horsiisee bultootaafi Qonnaan bultootaa

7. Malaammaltummaafi bulchiinsa gaarii fi

8. Ijaarsa nageenyaa ta’uu ibsan.

Komishiniin Marii Biyyaalessaa adeemsa hunda hammataafi hirmaachisaa ta’een ajandaawwan biyyaalessaa adda baaseera jedhan, Komishinarri Ol’aanaan Komishinii Marii Biyyaalessaa Pirofeesar Masfin Aar’aayaa.

Ajandaawwan Saddeettan kunneen yaa’ii Adoolessa 8, 2018 sadarkaa biyyaalessaatti Finfinneetti taa’amurratti dhiyaachuun kan irratti mari’atamu ta’uu himan.

​ Sirnicharratti jaarsoliin biyyaa, abbootiin amantii, abbootiin gadaa, haadholiin siinqeefi keessummoonni biroon argamaniiru.

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Share post:

Subscribe

spot_imgspot_img

Popular

More like this
Related

Misooma Ashaaraa Magariisaa; Dinagdee Magariisaa ijaaruuf bu’uura kaa’e!

'OBN Cyber Media' Waxabajjii 18,2018 Sagantaan Ashaaraa Magariisaa Riqicha Kaleessaafi...

“Waldhabdee Siyaasaa furuuf Mariin Biyaalessaa Murteessaadha.”Barsiisaa Darajjee Xilaahun.

'OBN Cyber Media' Waxabajjii 18,2018 Fedhii aangoofi seenessi dogongoraa kanaan...